Aadaa dubbisuu moo Qulqullina kitaabaa ?

Mootii A
Follow Me

Mootii A

Customer Service Officer at Commercial Bank of Ethiopia
Poet and Author of Dhaala
Mootii A
Follow Me

Aadaa dubbisuu moo Qulqullina kitaabaa ?

Dur dur kitaabilee ogbarruu barreessitoota keenya hangafoo akka Kumsaa Burraayyuu,Dhaabaa Wayyeessaa,Gaaddisaa Birruu,Isaayyaas Hordofaa fi kanneen biroo maqaa dhahuu dandeenyu argachuuf nama kitaaba sana qabu kadhaan kadhaa darbeeti. Dabaree wal harkaa fuunee halkan tokkotti teenyee dubbisnee fixna. Godaannisa,Hawwii,Gurraacha Abbayyaa,Suuraa Abdii ….muraasa turani. Dubbisnee yaada isaanii irratti wal falmina. Qooda-fudhattoota isaanii gartokkotti firoomnee abukaatoo dhaabbannaaf;kaan ammoo ilaalcha isaanii safuu hawaasaa waliin walitti fidnee isaan komanna. Harka keessa qabanna. Sababni isaas kitaabni qabeenyaa guddaa ilmoo ofii dhaalchisani dha jedhamee nutti himameera.

Haa ta’uutii har’a waakkii baay’ina kitaabilee hin qabnu. Manneen kitaabaa mana barumsaa irraa kaasee hamma akka miya kaaniitti karaa gubbaa irratti gurguramuutti ga’eera. Barreessitootni keenya daran heddummaataniiru. Kitaaba bituu namni barbaadu miindaa isaa keessaa dhibbeentaa tokko yoo baase isa guddaa dha. Ta’us garuu barreessitootni hedduun kitaabileen isaanii koppiin 2000 illee akka hin gurguramneef himatu. Gurguramuu dhiisuu kitaabilee kanaaf rakkoon caasaa gurgurtaa diriirsuu dhabuu akkuma jirutti ta’ee gaaffilee bu’uuraa lama kaasuun yeroo keenya nuuf qusata.

1. Aadaa dubbisuu : Bara kana kitaaba fuula 200 qabu tokko dubbisuuf guddu galeessaan gara guyyaa lamaa ni fudhata. Haa ta’uutii labatni kun odeeffannoo barbaadu argachuuf fiilmii sa’aatii 2 hin caalle barbaada. Kun ammoo “cittoo irratti fanxoo “dha. Durumaanuu saba amaleeffannaa kitaaba dubbisuu hin qabne haamilee isaa harkatti hunkuteessuun addunyaa amma jiru waliin tarkaanfachuuf gara jabana suur-sagalee akka filannoo hangafaatti fudhateera. Kanuma keessaanuu garuu kitaabileen madaallii kaasan yoo maxxanfaman dubbisuuf akka dharra’us ala baay’ee argineerra. Kun gara qabxii isa lammaffaatti nu ceesisa.

READ  BAQAA FI DUGUUGGAA SANYII

2. Qulqullina kitaabaa: Qulqullinni kitaabaa waa hedduu of keessatti hammata-Bilchina yaadota achi keessatti ka’anii,qubeessuu,nama harkisuu qolaa fi waraqaa itti fayyadaman,gulaala sirrii fi kkf kaasuun ni danda’ama. Kitaabileen jabana kana maxxanfaman hedduun rakkoo ummatni keenya qabu qofa haasa’u-rakkoo siyaas-dinagdee. Kana asoosamatti jijjiiruun sirrii miti hin jenne. Ta’es irra deddeebbiin dhimma kana kaasuun rakkoo sana yaadachuurra kan darbe faayidaa addaa hin qabaatu.

Asoosama guutummaatti hariiroo jaalalaa qofa qabu argachuun haalaan rakkisaa dha. Darbees bilchinni yaadota achi keessatti ka’anii dubbisaa harkisuu dhabuurra darbee dadhabinni qubeessuu darbee darbee ni mul’ata. Inni guddaa yaaddessaa ta’e ammoo gulaallii kitaabileeti. Gulaalaan beekamtiif qofa waan hojjetu fakkaata. Kun ammoo nama dubbisu biratti nama taajjabsiisuu fi guddina ogbarruu keenyaa duubatti harkisuun akkuma jirutti ta’ee barreessaa waa hedduu dalaguu
[gibetube]
danda’u haamilee cabsuun lamuu akka abjuu isaa duukaa hin buune godha.

Walumaa galatti akkuma mana ijaaruuf ogeessi tokko qofti hin geenye ogbarruu keenya gara fuulduraatti adeemsisuuf ogeessotni barruu baay’ina qofa otoo hin taane qulqullina irrattis xiyyeeffannoo addaa akka godhan hubachiisuun barbaada . Darbees kitaabilee maxxanfamanii jiran bitachuun barreessitoota keenya onnachiisuun dirqama dubbistootaa ti jechuun dhaamsa kiyya dabarsuu fedha.

Yaadaa fi mudannoo keessan nuuf qooduu hin dagatiinaa!

Na ofkolchaa !

Mootii A.