Badhaasa tokkoof falmannee sadiin galanne!!
Hacaaluun Caale!
Amansisaan Amansiise!
Gemeda Olana
Latest posts by Gemeda Olana (see all)
- OROOLIYAANAA WINGAR - June 7, 2016
- Saamunaa Dhangala’aa Adii uffata keessan Ni addeessa !! - June 1, 2016
- Must Share: Beeksisa Badhaasa Qubee( Qubee Awards Announcement) - May 26, 2016
Hirmaannaa sagalee uummata Oromoo Addunyaa maraa irraa jirtaniin Walleen Haacaaluu Maalan Jiraan Badhaasa Marsaaritii DireTube 2015 “Diretube Award 2015” qopheese irratti sagalee olaanaadhaan moohachuu danda’ee jira irratti gosa Vidiyoo Wallee Bareedaa Baranaa(“Best Music video of the year”).
Akkasumaas Amansiisaa Ifaa Vidiyo kana akkanatti bareechee tolchuu isaatiif Qajeelchaa Sursagalee Cimaa Baranaa (“Best music video director of the year”) jedhamuun sambata dura darbe Hoteela Sharaatan Addiis keessatti badhaafameera. Akkasumas Dooktarri kabajaa Artist Alii Birraa badhaasa Dalagaa Ajaa’iba Bara Jireenyaatiin (“Lifetime Award”) badhaafamuu danda’eera. Eegaa akkuma hundi keessan beektaan torbaan darbe kana keessa shira warri Diretube nurratti xaxaanii aartii kana kuffisuuf taasisaan argitanii jirtu keessumaa sagalee uummataa 7300 ol nyaachuun ni yaadatama haata’u malee uummanni Oromoo addunyaa guutuu keessa jirtaan harka hin kennine yeroo lammataaf falmatanii akka moo’atu taasistanii jirtu kanaaf ammoo galata guddaan isiinii galcha.
Amansiisaan miira gammachuun achi bahee badhaasa Hacaaluu sana fuudhee deemuuf qajeellan kootu kootu vidiyoo kana duuba siitu jiraa yeroo bayyee namoonni hojiilee gurguddoo boodee jiran hin badhaafaman siifis badhaasni siif tahaa jedhanii dabalaniif lama hin jettaniiree. Kun otoo kannan jiruu sagantaan otoo geggefamaa jiruu badhaasa Uumurii Guutuu tajaajila aartii irratti dabarsaniif Doktoorri Kabajaa Artiisti Alii Birraa maqaan waamamee yeroo waltajjii irratti bahu hedduu gammachuun of wallalee sadii jettanii eegaa badhaasa tokkof falmannee sadiin galuun kanumaa miti waan qaban tokkoof abdii kutachuun gaarii miti hanga dhumaatti yoo falmataan injifannoo boonsaa biroos argachuun ni danda’ama.
Namoota Yaada, Sagalee fi Deggersa adda addaa gootaniif ammo galatni keenya guddadha.
Horaa Bulaa
Waa’ee Hacaaluu fi Amansiisaa ammoo link armaan gadii irraa dubbisaa.
Hirmaannaa keessaaniif ulfaadhaa!
Find gibetube.com on Facebook Twitter GooglePlus YouTube