BAKAKKAA

Gemeda Olana
Follow me

Gemeda Olana

Communication & Knowledge Management Officer at Ethiopia Climate Innovation Center
Gemeda is Freelancer Journalist, Communication Professional, Activist of Oromoo Culture and Art and writer for gibetube.com on Oromo Culture and Arts.
Gemeda Olana
Follow me

BAKAKKAA

bakakkaa

Sabni addunyaa kanarra jiraatu gosa baayyee akka ta’e tilmaamuun nun dhibu. Garuu sabni kam isa kam dura akka uumamee beekuun ni ulfaata. Qaroomina saboota dachee kanarra danatanii jiraatanii akka dhageenyeefi ija keenyaan kan hayyoonni barreessan dubbisnee arginetti garuu qaroomina saboota biraafi saba Oromoo wal bira qabnee yoo ilaalle waan akkaatama jireenyaayyu saba Oromoorraa baratame fakkaata. Isas maalifan jedhee beektu? Yoo baruu feetan dubbii kana gadii mee dubbisaamee !

Yeroon gocha hawwaasakoo keessatti raawwatamu ija qalbiin ilaalu waa tokkon shakka. Shakkiiyyuu miti dhugaadha. Innis maali seetan jiraachuu waaqayyoon sabni hunda dursuun bare saba Oromootin jedha. Uummati Oromoo kallattii arfaniin faffaca’ee, qubsumaanis walirraa sissiqee yeroo jiraatu haalli jireenyasaafi safeeffannaa inni uumaafi uumamaaf qabu baayyee wal fakkaata.

Oromoon waaqaafi uumama waaqni uume haala gaariin kabajee jiraachuun beekama. Fakkeenyaaf namoonni baayyeen adduunyaa kanarraa jiraatu ofiisaa qofa jireenya gaarii jiraachuuf uumama akkasaa kan biraa adamsa. Ofii jiraachuuf uumama xiqqaa jireenya dhowwaa. Oromoon dhugaa garuu kana hin godhu. Isaafis fakkeenya xiqqaa kaasuun fedha.

Al tokko tokko dargaggoonni naannoo tokko keessa jiraatan wal waammatanii bosonatti seenuun bineensa adamsuun aadaama duraan jirudha. Garuu innis seera mataasaa danda’e qaba. Egaa yoo waa’ee seera adamoo kaasne mata dureenkoo gara biraatti deema waan ta’eef inni guyyaa biraaf nuuf haa tahuu. Yeroo dargaggoo, hiriyaa ykn namni dhuunfaa wal waammatee gara adamootti qajeeluun bineensa adamsuu eegalu sana akka carraa ta’ee yoo milkaanii waan adamsuu ba’aaniif argatan ni ajjeesu ykn ni waaranu. Garuu akka tasaa bineensi adamsamu sun fiigee yoo harka ba’ee adamsitoonni sunis faana fiiguunsaanii oola hin qabu. Bineensi sun fiigee utuu isaan fiigsisuu yoo tasa mana namaa seene mana sana keessatti bineensa sana ajjeesuun akka aadaa Oromotti safuu cabsuudha. Yoo adamsitoonni didanii duukaa mana seenan illee, abbaan ykn haati manaa bineensa manasheetti baqate ol ittistee ofii gad baatee adamsitoota sana fuuldura goruun ‘dura naan ajjeesa. Bineensa lubbuu baatee manakootti baqate hinxuqxan’ jechuun mormii dhageessisu. Adamsitoonnis safuu kana safeeffatanii jifuu eeboosaanii samiitti ol galagalchuun gara bosonaatti achi deebihuu. Taatee kanarraa egaa safuu uummatuchi uumamaaf qabu waa heedduu baruun ni dandaa’ama.     itti fufa dubisaa……