Beekan Irranaa
Latest posts by Beekan Irranaa (see all)
- “DEESSEE TOO…!” - May 8, 2016
- Maloota sasalphoo jahan miirota keenya itti to’annu. - April 23, 2016
- BILISUMMAAN DHUGOOMAA! - March 19, 2016
DHAABAA WAYYEESSAA ….BARREESSAA ASOOSAMA GODAANNISAA, GURRAACHA ABBAYYAAFI……
Dhaabaa Wayyeessaa asoosaa, xabiyyoo, ogeessa fiilmiifi gaazexeessaadha. Asoosamoota lama maxxansiiseera, xaboota waltajjii shan barreesseera/qopheesseera, barreeffamoota fiilmii (xaba iskiriinii) guutuu sadii barreesseera, fiilmiiwwan gaggabaaboo sadii barreesseera/qindeesseera/qopheesseera. Yeroo ammaa kana Waashingiten DC kan jiraatu Dhaabaan, waggoota 20 oliif gaazexeessaa (tamsaasaa) biyyoolessaa Raadiyoo Sagalee Amerikaa ta’uudhaan, oduuwwaniifi seenaawwan naannoofi addunyaalessaa hiikuu, barreessuufi gulaaluudhaan hojjechaa tureera.Achitti, Sagalee Amerikaa keessatti hooggansaa ajaa’ibsiisaafi hojii gaazexeessummaadhaan bu’aa ol-aanaa galmeessiseen yeroo hedduuf badhaasawwan gurguddoo badhaafameera.
Hojii kanatti dabalees, dhuunfaa isaan leenjii miidiyaa qopheessuun Itoophiyaa keessatti artistoota dargaggoota fedhii qabaniif carraa uumuudhaan, fiilmiiwwan qabanii fi bu’aalee miidiyaa kanneen biroo dhimmoota jireenya namaa irratti xiyyeeffataniifi duudhaalee hawaasummaa barbaachisoo irratti hojii qaban irratti akka hojjetan taasiseera……itti fufa…..
Hub. Seenaasaafi namoota fakkaatotasaa gama ogbarruun seenaa gaarii dalaganii darbanii yeroo dhiyoootti bifa kitaabaan qindeessinee isin biraan geenya
Suuraa Dhaabaa Wayyeessaa (Namoo Daandii) kan kutaa 8 ffaa, kutaa 11ffaafi kan ammaan kana akka armaan gadiin daawwadhaa…gadi fageenyasaaf ammoo yeroo biraa walitti deebina….æ”AFAAN SABA GUDDAA GUDDAADHA!!
Barreessaan Beekan Gulummaa Irranaa