DHALOOTI QARAME DIINA BARBADEESSA!

DHALOOTI QARAME DIINA BARBADEESSA!

Yosef Hamba Tola
Follow me!

Yosef Hamba Tola

is Biotechnologist, writer, reviewer and researcher at Africa-ai-Japan project under Japan International Cooperation Agency (JICA)
Author of Dungoo Oromoo & published articles in the areas of Biotechnology. Currently, he writes for www.gibetube.com and www.beekanguluma.org on current issues of Oromo People, Education, Politics and Agriculture in Ethiopia.
Yosef Hamba Tola
Follow me!

Latest posts by Yosef Hamba Tola (see all)

Meeshaa diina roqomsiisu kan sabni Oromoo mana isaatii fuudhee itti fayyadamu; kan biyyoota ollaatii hin kadhannee fi deemee liqaa hin fudhanne ijoollee isaati. Ijoolleen Oromoo saba isaaniitiif ija, gurra, humna, meeshaadha (rasaasa), maallaqa, beekumsa, hundeedha.

Oromoon gaafa mucaa argatu gammachuu addaatu keessa isaa guuta. Sababnisaa sanyii isaa dabarfate. Mucaa argatu kanaaf simannaa guddaa godha. Abbaa fi haati mucaa waan abbaan, akaakaan, akaakileen, abaabiliin isaanii gochaa turan godhanii mucaa simatu. Ergaa mucaan dhalatee booda sirni moggaasa maqaa ni geggeeffama. Guyyaa kana kennaan addaa ni qophaa’aafi. Kennaan kun immoo waan lubbuu qabu ta’uu qaba. Sababnisaa waan lubbuu qabu sun mucaa sanaaf wal horee akka baay’atuufi. Achumaanis mucaan gaafa guddatu akkaataa itti horii horsiisan ni barata/baratti.

Kennaan sun dandeettii qabeenya abbaa mucaa sanaa irratti hundaa’a. Kennaan xiqqooodha jedhamu Lukkuu (Indaanqoo) irraa eegala. 

Kan biraan illee Hoolaa fi Saawwani. Wal hormaataaf akka ta’utti kennaan kennamu dhalaa ta’uu qaba. Kana irraa akka hubachuu dandeenyu Oromoon duraan dursee mucaa isaatti akkaataa horii itti horsiisan agarsiisa. Kennaan kun hortee, baay’attee mucaadhaaf fakkeenya gaarii taati. Mucaan kunillee kanarraa ka’ee/kaatee waan hedduu hojjechuu danda’a/dandeessi.
[gibetube]

Mucaan dhalatu ilma yoo ta’e gaafa guddachaa deemu abbaa isaa faana deemuu eegala. Isheen durbaa immoo haadha ishee faana ooluu eegalti. Filannoon isaanii kun waan saala tokko ta’aniif nutti fakkaachuu danda’a. Garuu, akkas miti. Waan nama ajaa’ibu ijoolleen kun daandii irratti barbaadaman qabatanii leenjii isaanii jalqabaa jiru jechaadha. Gara addunyaa kanaatti makamanii jireenya adeemsisuuf leenjii jabaa nama barbaachisa. Hojii tokkotti bobba’uun dura eenyu iyyuu leenjii ga’aa argachuu qaba. Muuxannoo barbaachisu ergaa argatee booda gara hojiitti makama. Akkasuma, uumamni kan isaan ajajaa jiru ijoolleen lamaan abbaa fi haadha isaanii hordofuun waan isaan lamaan godhan ilaalanii irraa baratu. Kana jechuun kan mataa isaanii boriiitiif of qopheessu jechaadha. Ijoolleen kun yeroo warra isaanii waliin oolan waan godhani hin beekani, garuu osoo hin beekin barachaa jiru. Kanuma hundaa gochaa addunyaa buburree waan hedduun guuttee jirtu kana illee daawwachaa oolu.

READ  DHIIGA GOOTOTA OROMOO HIN GURGURRU!

Ijoollonni gaafa isin faana deeman ni yaadattu yoo ta’e; gaaffii hedduu isin gaafachaa deemu. Gaaffii isaan gaafatan kana namatu itti hime osoo hin taanee naannoodhuma isaanii ilaalanii uumu. Baay’een keessan daa’imman waliin deemuu akka nuffitan ni beekama. Sababnisaa gaaffiidhaan afaan isin gogsaa deemu. Dabalees gaaf gaaf gaaffii mataa keessanii olii isin gaafatu. Ijoolleen umurii sanatti waa’ee saalfii fi safuu waan hin beekneef gaaffiin isaanii illee yeroo itti mana dhiitee ba’u jira.

Ilmi abbaa isaa duukaa ooluun loowwan akka itti tiksanfaa barata. Gaafa loowwan tiksu kana immoo wantoota abbaan isaa hojjetu hundaa hojjechuu yaala. Yoo abbaan isaa baarneexaa hodhe innis ni hojjeta, akkasumas yoo abbaan gaagura dhawuu jalqabe innis ni eegala. Abbaan isaa biqiloota garaagaraa fi buna dhaaba yoo ta’e, mucaanis akkasuma gochuuf carraaqa. Waanuma abbaan isaa hojjetu hundaa hojjetee baruuf yeroo hundaa abbaa isaa hordofa.

Keessumaa kan baay’ee namatti toluu fi ilma diinaaf gadi hin jenne guddisu abbaa ijoollee isaa adamoo barsiisuudha. Adamoon ummata keenya biratti hedduu beekama. Adamoon seera mataa isaa qaba.

Gaafa adamoof deeman abbootiin keenya namoota ciccimoo, fiigicha kan danda’anii fi mala ittiin bineensa beekan kan danda’an (fooliin, dhoqqeen, ejjeta miilaatiin, ciccitaa rifeensaatiin, bakkaa ciisichasaaniitiin fi kkf) filatu. Namooti ergaa filatamanii booda hunduu bakka tokkotti dhufee eeboo isaa walitti irkifatee jikfata. Osoo eeboo hin jikfatan dura maanguddooliin waaqa kadhachuun eeboo isaanii jikfatanii gara bosonaatti seenu.
[gibetube]

Yeroo kana ijoollee umuriin hin geenyes of duukaa hiriirsanii akkaataa adamoo barsiisu. Ijoolleenis malaa fi akkaataa itti adamsan baratu. Akkamittis bineensa waraananii akka ajjeesan baratu. Ijoollonni haala kanaan guddatan gaafa maanguddooliin dadhaban harkaa fuudhanii seera adamoo kana hordofanii adeemsisu. Dhalooti haala kanaan abbootii isaanii duukaa deemanii leenjii ga’aa argatan diina rasaasa baatee itti dhufu irraa hin seesani. Abbootiin meeshaa sagalee qabu bitatanii manaa qabanis ijoollota isaanii mala dhukaasaa sirriitti barsiisu. Haalonni kun hunduu yeroo ammaa kana naannolee Oromiyaa tokko tokko keessatti baay’ee laafee jira. Ga’eessonnii fi maanguddooliin keenya osoo dhimma kana irratti yaadanii dhaloota egereef dungoo saba isaanii ta’an kana qaranii gaarii natti fakkaata.

READ  QULLAA HIN DHAABBATINAA! #OromoProtests



Intallis haadha ishee faana ta’uun waan hedduu barachaa guddatti. Yeroo hedduu haati hojii mana keessaas kan alaattis waan hirmaattuuf waa baay’ee barachuuf carroomtuudha. Haala itti nyaata gosa garaagaraa qopheessan suuta suutaan barachaa deemti. Gaafa harmeen ishee biddeen tolchuuf bukoo eelee irra naanneessitu teesseedhuma ilaalti. Daa’mni kunis gadi baatee dhoqqee bulbultee baala yookaan dhagaa diriiraa irratti sararuu eegalti. Kan haati ishee manatti hojjettu shaakaluu isheeti. Umuriin ishee guddachaa gaafa deemu manuma keessatti haadha ishee waliin hojjechuu eegalti. Harmeen ishees akka isheen daftee bartuuf ni jajjabeessiti. Haaluma kanaan nyaata gosa garaagaraa hojjechuun haadha ishee jalaa baratti.

Haadholiin keenya yeroo hundaa hojii mana keessaa fi alaatti fiigaa waan oolaniif ga’een isaan maatii tokko keessatti qaban hedduu kan abboota keenyaa caalee argama. Gaafa garuu cal jennee ilaallu waanuma warri dhiiraa caalmaan hojjetan fakkaata. Ija keenyatti yoo mul’achuu baateyyuu hojii walxaxaa fi hedduu ta’e kan warra dhiiraa caalaa hojjetu isaani. Wal’aansoo kana hundaa akka itti danda’anii dorgommii jireenyaa injifatan intala ishees ni barsiisti. Intallis akkuma haadha ishee jalatti bartetti gaafa umuriin ishee ga’ee heerumtu mana ishee abbaa manaa waliin jabaattee bulfatti.

Saalli lachuu leenjii garaagaraa keessa qaxxaamuranii hanga lubbuun isaanii dachee kana irra jirutti wal’aansoo addunyaa kanaa itti fufu. Kanaafuu, ciminaa fi laafina ijoollota keenyaaf ga’een maatii bakka ol’aanaa waan qabu natti fakkaata. Sababnisaa manni barumsaa jalqabaa isaanii maatii isaanii waan ta’eef. “Qotiyyoo abbaan tikfatuu dirri hin mul’atuu, ilmi abbaan gorfatu amalli hin mul’atu”; “Ilmoon hantuutaa haadha jalatti gumbii huraa barti” jedha mitiiree Ormoon. Gaariis haa ta’u gadhee bu’uurri beekumsa isaanii maatii isaaniiti.

READ  MOOTUMMAA DHIIGAAN JIRAATU!#OromoProtests

Namni kamuu akka daawwitiitti kana keessatti of ilaaluu qaba. Ijoolleekoo akkamittan guddisaa jira jennee of gaafachuu qabna. Osoo isaan gara mana barumsaa dhaqanii barnoota ammayyaa kana wajjin wal hin argin waan abbootiin keenya nu barsiisaa turan barsiiseeraa jennee of gaafachuu qabna.

“Qoonqoon ganama jiite hin galgala gogdu” akkuma Oromoon jedhe ganamaan ijoollee jabeessanii qabnaan karaa irraa hin kaattu. Seenaa saba keenyaa fi shira diinni nurratti hojetaa turee fi hojjechaa jirus gadi fageenyaan barsiisuu qabna. Karaa dhugaa fi qajeelaa ta’e hubachiisuu qabna. Ijoollee keenya lundhummaa barsiisuunis sirrii miti. Sodaa yoo barsiisne diinni akka arge itti taphachuu danda’a. Kanaaf maatiin jabaatanii ijoollee isaanii irratti hojjechuun barbaachisaadha.
[gibetube]

Maatii qofaa miti hawaasi naannoos dhaloota waaqni nuuf kennaa jiru kana hagam keenyatu guddisaa jira. Ilmaan dhalatanii guddachaa jiran kun kan abbaa fi haadhaa qofa miti. Isaan agartuu Oromiyaa guutuuti. Fakkeenya gaarii kan isiniif ta’uu danda’u gochaa addaa dhaloonni qubee (Qubee Generation) Oromiyaa bal’oo keessatti gochaa turanii fi gochaa jiraniidha. Osoo nuti jirru alagaan lafa abbaa keenyaatti hin taphattu jedhanii lubbuu isaanii kan wareegan nama hundaa jalaa hin dhokatu. Baay’eenis mana hidhaatti dararamaa akka jiran ni beekna. Kanaaf dhalooti/abdiin borii kun kan Oromiyaa bal’ooti malee kan abbaa fi haadhaa qofaa miti. Kanaafuu, jabaannee dhaloota kana seenaa, aadaa, duudhaa, fi afaan saba keenyaa barsiisnee haa guddisnu.

Dhalooti qarame diina halkanii fi guyyaa boqonnaa dhorkee barbaadeessa!

Yosef Hamba Tola
Follow me!

Yosef Hamba Tola

is Biotechnologist, writer, reviewer and researcher at Africa-ai-Japan project under Japan International Cooperation Agency (JICA)
Author of Dungoo Oromoo & published articles in the areas of Biotechnology. Currently, he writes for www.gibetube.com and www.beekanguluma.org on current issues of Oromo People, Education, Politics and Agriculture in Ethiopia.
Yosef Hamba Tola
Follow me!

Latest posts by Yosef Hamba Tola (see all)