DHARA MISOOMA CAALE! KUTAA 2FFAA

DHARA MISOOMA CAALE! KUTAA 2FFAA

Follow me!

Yosef Hamba Tola

is Biotechnologist, writer, reviewer and researcher at Africa-ai-Japan project under Japan International Cooperation Agency (JICA)
Author of Dungoo Oromoo & published articles in the areas of Biotechnology. Currently, he writes for www.gibetube.com and www.beekanguluma.org on current issues of Oromo People, Education, Politics and Agriculture in Ethiopia.
Yosef Hamba Tola
Follow me!

Latest posts by Yosef Hamba Tola (see all)

<<KUTAA 1FFAA        KUTAA 2FFAA       KUTAA 3FFAA>>

Wayyaanonnii fi koolu galtootni wayyaanee karaa hedduudhaan soba isaanii ummata keessa olii gadi afuufaa oolu. Ummati keenya dhuguma waa’ee misoomaaf nu waaman jedhee hojii isaa dhiisee adeemsa sa’a afurii olii miilaan deemee dhaqa. Ummati keenyas dhaqee garaa isaa maree achi oola. Kan inni argatee gale nyaata dhukkuba lafee itti ta’u soba wayyaanotaati. Misoomni kallattii jijjiirrattee tarsiimoo biraa facaasaa jirti jechaadha. Maqaan misoomaa wayyaanotaa kun isaaniif daandii daldalaa ajaa’ibaa ta’eefii jira.

Saba keenya cunqursuuf jecha akka isaanii toluuf garee fi gooxii jedhanii mala tumatani. Ummata keenya mana manaan ijaaranii hidhaatti galchani. Nuti kan warra mana hidhaa jiruuf halkanii fi guyyaa iyyina malee innumti mana jiruyyuu hidhamee jiraam. Manumti ummata keenyaayyuu mana hidhaatti jijjiirameera. Hidhaan hidhaa caalu immoo hidhamanii hiikamuu dhabuudha. Kan mana hidhaa illee yeroo jedhametti namoonni baay’een hiikamanii galuu danda’u. Garuu isaanis mana hidhaa lammataatti galu . Hidhaan hiikamsas, dhiifamas hin qabne hidhaa mana ofiitti hidhamuuti.

READ  DHAGEESSANIITTUU?

Dhimmi garee fi gooxii amma illee wayyaanota biratti dulloomee jiru kun waan hedduu of keessaa qabdi. Malattiin karaa cunqursaaf toltuudha. Karaa abbaan manaa haadha manaa irratti ka’uudha, akkasumas obboleessi obboleessa irratti shira xaxuudha, abbaan ilmaan karaa wal dhabuudha, intallis haadhaa wajjin daandii wal hamattuudha. Kan wayyaanee kun hedduu nama dhiba, akkasitti maatii guutuu wal lolchiistee gidduudhaa aannan hunachaa jiraatti.

Miseensonni maatii hunduu aannan ilmamee lafa jiru akka itti dhugan wal’aalanii taa’u. Sababnisaa garaan isaanii gargar kaatee jira waan ta’eef. Yaadi isaaniis walitti hin jiru. Dhagaadhuma bishaan walakkaatti gargar caccabee, faffaca’ee jiru fakkaatu. Kun wayyaaneef gammachuu addaati. Xurree kanatti fayaadamuudhaan dammaa fi aannan maatii sanaaa gidduu ciistee muuxatti.
[gibetube]

Akka karoora wayyaaneetti ilmi mana abbaatii ba’ee mana firaa yoo bule yookaan bakka dhibii tokko yoo deeme gabaafamuu qaba. Intalli akkasuma yoo goote himamuu qaba. Maal akka dubbatan, maal akka hojjetan, eessa akka bulanii oolan, fi yaadi isaan siyaasa biyyattii irratti qaban guyyaa guyyaatti kallattii fi al-kallattiin waraabamaa oola. Harka mirgaatu harka bitaa qabee gurguraa oola, akkasumas harki bitaa harka mirgaa qabee gurguraa oola.
Sabni keenya yeroo hundaa garaan isaa dhukkubsataa deema. Dhukkuba garaa isaa nama itti himatee gargaarsa argatu hin qabu. Hunduu wal shakka, wal sodaata, waan ta’eef garaakootu na dhukkuba waliin jechuun ulfaataadha. 

Dhukkubichi yoo gadi ba’ee dubbatame kun dhibee hamaa tibbanaati, dhaloota boodaan dhufanitti darbuu danda’a jedhanii namuma dhukkubsataa sanayyuu lubbuun bal’eessu. Namni hundumtuu lubbuun baduukoo irra jedhee afaan isaa qabatee taa’a. Dhibee garaa isaa hammateedhuma siree isaa irra gangalata. Imimmaan ija isaatiin siree miiccaa jiraata.
[gibetube]

Sabni kun sobaa fi afuuffaa wayyaanotaa dadhabee yeroo ammaa kana imimmaan irraa gara dhiigaatti jijjiirratee jira. Du’aa fi jireenyi keenya wal caaluu dide jedhee daandiitti ba’ee qoma isaa rasaasaaf kennaa jira. Ol-adeemaanis dhiiga gootota keenyaa lafatti hin ilaallu jedhee of wareegaa jira. Maanguddooliin illee ol adeemaan bor wayyaanee kana awwaala ishee tolchu du’uu irra nuti wareegamuu qabna jedhanii of wareegaa jiru. Kun osoo Kanaan jiruu sobnii fi hammeenyi wayyaanee ammayyuu waan dhaabbate miti. Mootummattiin kun duriin ishee sobaan waan dhufeef soba irraa gargar baatee jiraachuu hin dandeessu.

READ  The Message Behind Haacaaluu Hundeessaa's "Malaan Jiraa" New Record Breaking Song

Impaayera Itiyoophiyaa keessatti Oromiyaan biyyoota hedduu waliin wal daangessiti. Wal tuqiinsi daangaa kun mootummaa Itiyoophiyaaf daandii sobaa hedduu baneeraafi. Saboota ollaa saba Oromoo bira dhaquun olola isaan hin fayyadnee fi isaan miidhu itti odeessu. “Sabni Oromoo lafa dheedicha horii keessan isinirraa fudhachuufi, daangaa lafa keessanii cabsee seenuufi, waraana bilisummaa Oromoo isinitti bobbaasanii isin fixuuf jedhu” jedhanii saboota ollaatti soba isaanii odeessaa oolu. Akkasumas “Sabni Oromoo nurraa fottoqee biyyaa nurraa fudhachuufi jedhu”. Kallattii hedduun ummata ollaa afaan faajjessuun saba Oromoo irratti lola bansiisu.

dhara
Akka fakkeenyaatti kan wal yaadachiisfnu, miidhaa hamaa ummata Oromoo dhihaa fi Saba Gumuzii gidduutti yeroo hedduu ta’eedha. Lola kana irratti lubbuun ilmaan Oromoo hedduutu dhume. Ummata oromoo Harargee fi Somaalee gidduuttis balaa hadhaawaan daddabalee mul’ateera. Gochaawwan hamoon kun raawwachuun wayyaanotaa fi garee wayyaanotaa hedduu gammachiise. Qabsoo ummata Oromoo akka laaffisuuf jedhanii waan isaan itti yaadanii karooraan godhaniidha. Wantooti sukanneessaan kun osoo jiranii sabni Oromoo ciniinnatee wayaanee kolaasaa jira. Rakkoo jabduu na quunname jedhee namni booda mil’ate hin jiru.

Mootummaan kun misooma biyyattii keessatti investeroonni hedduu nu barbaachisu jedhe odeessaa ture. Ammas akkasuma jedhee odeessaa jira. Keessa seennee gaafa ilaallu immoo investeroonni naannoo Oromiyaa fi bakkeewwan biraa keessa faca’anii jiran ilmaan Tigireeti. Kanneen lafa qonnaa ummata irraa saamanii fi bosona keenya lafatti ciranii bal’eessan isaaniidha. Kun karaa ittiin ilmaan ishee gargaartuudhamoo karaa misooma biyyattii giddistuudha? Kun soba adii bakkee keessa jiruudha. Kana gochuu irra utuu ilmaan keenyaaf lafa qonnaa kennaa jedhanii gaafatanii gaaffii bareedaa ture. Sababnisaa rakkattuu duruu gargaaruu itti beekna waan ta’eef.
Kan baay’ee nama ajaa’ibu wayyaaneen waggaa sadii dura, lafa keessan galmeessisaatii beekamtii itti qabaadhaa jettee qotee bulaa keenya rakkisaa turte. Kan wayyaaneen jettes lafa keessanitti beekamtii fudhannaan eenyu illee yoo dhufe isinirraa fudhachuu hin danda’uudha. Ummati keenyas kun waan ajaa’ibaati jedhee duraa duubaan waan hundaa guutee waraqaa ittiin beekamu suuraa isaa waliin fudhateera. 

Garuu guyyaa muraasa booda lafa kana nuuf gadhiisi abbaa qabeenya irratti hojjechiisuu barbaanne kan jedhutu dhaga’amaa ture. Itti dabalees qotee bulaan keenya godina addaa Finfinnee keessa jiraatu lafa isaa irraa osoodhuma beekamtii qabuu dhiibamaa jira. Haala Kanaan ummata keenya sobaan guuttee ofii umurii dheereffachuu barbaaddi. Biyya Itiyoophiyaa keessatti misoomi meeshaa sobaa ta’ee tajaajilaa jira.
[gibetube]

Dhara wayyaaneen facaastu kana hundaa sabni Oromoo argee irratti dammaqee jira. Misoomaa sobaa osoo hin taanee misooma dhugaa fiduufis sabni Oromoo hundinuu ciminaan lolaa jira. Kana booda sobni wayyaanee abiddatti darbatamuuf jirti.

READ  BILISUMMAAN DHUGOOMAA!

<<KUTAA 1FFAA           KUTAA 2FFAA          KUTAA 3FFAA>>