Dhiiga Gurraacha -Kutaa 2ffaa

Mootii A
Follow Me

Mootii A

Customer Service Officer at Commercial Bank of Ethiopia
Poet and Author of Dhaala
Mootii A
Follow Me

Dhiiga Gurraacha – 

<<Kutaa 1ffaa       Kutaa 2ffaa

“Beekumsi beekumsa irra caalu maal akka ta’e beektaa?”jedhani manguddoon areedni isaanii arrii akka cabbii addaatu isa cina taa’aa turani.

Silaa magaalaa Finfinnee keessatti nama afaan Oromoon haasaa jalqabu miti bilbila kaasee abbaa isaa baadiyyaa Oromiyaa keessaa bilbileefiif afaan Oromoon haasa’u argachuun rakkisaa dha.

” Maali inni?”jedhe. Yeroo kana waa’ee haadha isaa irraa kan hafe waa biraa dhaga’uuf fedha dhabus jaarsa guddaa,inumaayyuu jaarsa Oromoo tuffatanii haasaa harkatti qabuun gaarii miti jedhee deebii isaanii eeggachuu jalqabe . Akkamitti akka inni Oromoo ta’e baran isa dhibeera. ” moo tarii walakkaan jiraataa magaalaa kanaa mataa dhoksatus Oromoo dha jedhaniiti laata!?”


” Of ta’uu dha. Dhaloota of gate keessaa barbaadanii of arguu dha. Utuma dhiitamanii mataa ol qabachuu dha. Otuma dhiyuu abdii godhachuu dha…!”


Dubbii dhoksaa gadi fagoo qabu…dubbii qoolaa. Naa galeera garuu namni waan jedheef waan qabuuf afaan isaanii irraa hiika isaa waraabbachuun hede.


” Naan galle… !”n jedhe.


” Ilaa mucaa ko… Umriin namaa lafa kana irratti gabaabduu dha. Lafti kun dhaala eenyuuyyuu miti. Eenyumti keenyuu keessummaa dha-keessummaa guyyaan galma ishee hin beekamne. Maal godhaa miti… Foon bor rirmi nyaattee ittiin umrii dheereffattuuf namni foon isaa gabbisuuf ofittoo ta’e. Kan beekumsa barbaadu hin jiru. Kan sammuu qaratu hin jiru. Kan ogummaa karaatti baatee gammachuun nama simattu dhiisee jireenya isaa gad dhiisiitti kan jiraatutu heddummaate….im!”jedhanii handaara gaabii isaaniitti jedhanii qufa’an.


“Dhugaa dha !”


” Ilaa korma ko … Tarii Rabbi wayi akkan sitti himuuf har’a konkolaataa kana keessatti wal nu qunnamsiise ta’a. Deebinees wal hin agarru ta’a. Garuu muuxannoo koo,gaabbii bara dargaggummaa koon guduunfee sitti hima. Ogeessa ta’i …gufattee hin kuftu
Gad of qabi…bara hamaa jala dabarta.


Abdii hin kutatiin…kaaniif aduun sagal lixxee haa baatu!… Hamma kan kee maqaa si waamtee addunyaa kee ibsitutti,yoo duuni balbala kee yoo rurrukutellee…matumaa ,matumaa harka hin kenniin!”jedhanii callisani. Ija isaanii karaa foddaa ala ilaalaa yaada keessatti liqimfamani.

“Mana koo bira ga’e…ani asittin bu’a…ati karaa dheeraa deemta! “jedhanii nagaa natti dhaamanii suuta bu’ani.

Dhimmi Harmee isaa yaaddessus gorsi isaanii mogolee jabeesseera. Akka ergamaa Waaqayyo abdii itti horuuf ergetti isaan lakkaa’e.

Yoo taaksii irraa bu’ee Oliif bilbiluuf jedhu harka isatti raasee maqaan waamnaan dubbisee wal qabatanii gara Hospitaala Laandmarkitti kutani. Harmee ilaaluu!

Isaanumaa balbala hospitaalaa ga’u ambulaansiiin faaggaa afuufaa dhuftee ol seente. Waliin ol seenani. Harmeen Soolan,aadde Qabbaneen,of hin beekani. Gulukoosiin itti hidhameera. Soolan akka ta’u wallaale . Imimmaan lakkuu lakkuu maddii isaa irra lola’uutti ka’e. Sireen dhiibanii kutaa yaalii hatattamaatti ol galchani. Soolaniifi Oliin akka ala turaniif itti himamee balbala itti cufani.