Eenyummaa: Dhiigaanmoo Filannoon? First on GibeTube.com

   

Follow me

Dastaa Qana’aa

Writes on Oromo culture, values and history
Dastaa Qana’aa
Follow me

Latest posts by Dastaa Qana’aa (see all)

Sabni Oromoo saba bal’aa baayyinni uummatasaa naannoo miliyoona 40’tti tilmaamamu yoo ta’u, Gaanfa Afriikaa keessaa lafa ballinni isaa akka kiilomeetir iskuweera 284,538 ta’u irra jiraatu. Oromummaanillee of keessaa ulaagaalee adda addaa qabaachuu mala. Akka namummaatti ilmaan namaa cufti waan wal isaan fakkeessu gara garaa qabaachuu ni danda’u; akkanumallee akka sabaatti miseesotni saba tokkoo waan wal isaan fakkeessu adda addaa ni qabu. Fakkeenyaaf eenyummaa/maalummaa (essence) namaa, kan lubbu qabeeyyii biraa irraa adda isa godhu, kanneen akka yaaduu, afaan fayyadamuu, sababeessu (reasoning), fi kanneen kana fakkaatan biroos caqasuun ni danda’ama. Gara sabaatti yeroo dhufnu, haaluma wal fakkaataan, sabni tokkos akka sabaatti saba biraarraa kan adda isa godhu eenyummaa dhuunfaa isaa ni qaba. Kanneen keessaa Aadaan-jechuuun aadaa uffannaa, aadaa fuudhaafi heerumaa, aadaa nyaataafi, kkf, Amantiin, Sirni siyaasaafi dinagdee muraasa caqasamuu danda’aniiidha. Eenyummaan nama dhuunfaa tokkoos ta’e saba tokkoo kanneen armaan olitti caqasuuf yaaleefi kanneen hin caqasamin hafan mara irraa kan uumameedha malee achi keessaa isa tokko qofa irratti kan bu’uureffeme miti. Isaan keessaa tokkichi namni itti hir’atu miseensa saba sanaa miti yookaan eenyummaa saba sanaa hin qabu jechuu miti. Kunis sababa mataa isaatii ni qaba. Kallattiin gara sababichaatti darbuun dura garuu qabxiilee lamaan armaan gadi jiran haa ilaallu.

23eenyummaa3a0adhiigaanmoo0afilannoon3f-default

     Namni dhalachuu waan barbaadeef dhalate hin jiru. Akkanumallee nama irraa dhalatu, haadhaafi abbaa isaa, biyya keessatti dhalatu akkasumas saba keessatti dhalatu filatee namni dhalate hin jirru. Namni hundumtuu dhalateedhuma akkuma itti dhalatetti of arge. Dandeettii yaaduu, dandeettii nama bineensa biraa irraa adda baasu, illee yoo ta’e akkasuma filannoo ofiitiin wantoota hin argamne keessaa tokkodha- dandeettiin yaaduu nama ta’anii uumamuu qofaan waan argamuudha. Utuu binneensa kan biraa taanee uumamneerra ta’ee dandeettii yaaduu wajjin hin dhalannu turre. Namni tokko nama ta’ee hamma jirutti dandeetti yaaduu qabaachuu isaa jijjiiruu yookaan eenyummaasaa keessaa haquu hin danda’u. Garuu namni kamiyyuu yaadasaa akka barbaadetti jijjiiruu ni danda’a. Kanaaf wantoota eenyummaa saba tokkoos ta’e eenyummaa nama tokkoo ijaaran (constitute) keessaa wantooti jijjiiramuu danda’an garuu jijjiiramuun isaanii eenyummaa ofii guutumaa guutuutti nama hin dhabsiifneefi wantootni jijjiiramuu hin dandeenye garuu utuma danda’amee jijjiiramee immoo kan jijjiiramuun isaa eenyummaa ofii guutummaa guutuutti nama dhabsiisu yookaaan nama mulqu jira. Fakkeenyaaf akka waliigalaatti waa’ee nama yoo fudhanne, ‘danddeettiin yaaduu’ namaa waan jijjiiramuu hin dandeenyeedha- yooma jijjiiramellee waanti yaaduu hin dandeenye tokko nama ta’ee namummaa isaatiin itti fufuu hin danda’u. 

[gibetube]
Kanarraa kan ka’e ‘danddeettiin yaaduu’ eenyummaa namaa wantoota ijaaran keessaa akka isa jijjiiramuu hin dandeenyeefi yoo jijjiirame immoo eenyummaa ofii ykn namummaa ofii guutummaa guutuutti jijjiiruu danda’uutti fudhatamuu danda’a. Waanti yaaduu hin dandeenye nama ta’uu waan hin dandeenyeef jechuudha.

 Related Articles: 

   Inni lammaffaan immoo isa utuu eenyummaa ofii nama hin dhabsiisin/hin mulqin jijjiiramuu dana’uudha. Fakkeenyaaf namootni gara garaa dhimmoota akka ulfa baasuu, amantiifi kkf irratti ilaalcha gara garaa qabaachuu ni malu. Namooti biyya lafaa kanara jiraatan kanneen ulfa baasuu akka gocha qajeelaafi gara laafinaatti fudhataniifi kanneen tasuma gocha akkanaa mormaniifi akka cubbuu guddaatti abaaran ni jiru. Har’a ulfa baasuu kan deggaru/mormu tokko bor immoo yaadasaa jijjiiree eejjannoo faallaa yaadasaa har’aa ta’e qabaachuu ni danda’a. Haata’u iyyuu malee namni tokko har’a gaafa ulfa baasuu deggaru “nama” ta’ee bor gaafa yaadasaa jijjiiree ulfa baasuu mormummoo namummaasaa mulqama jechuu miti…garagaltoon yaada kanaas dhugaadha. Dandeettii yaaduu dhabuun/qabaachuun eenyummaa uumama tokkoo jijjiiruu danda’a, garuu yeroo gara garaatti yaada garagaraa qabaachuun yookaan yaada ofii jijjiirrachuun namummaa nama tokkoo yookaan eenyummaa namaa hin jijjiiru/hin balleessu.

  Akkanumallee namni ilaalcha adda addaa qabaachuu ni danda’a. Ilaalchota kanneen keessaa addumaan ilaalchi namni amantaa irratti qabu namaa namatti garaa gara. Kaan amantaa Kiristaanaa, kaan amantaa Islaamaa, kaan Hinduuzimii, kaan Konfushaaniizimii, kaan immoo Waaqaffanaafi kkf kan hordaofan ni jiru. Biyya Giriis (Greece) keessa waaqota gara garaa 3,000’tti tilmaamamantu jiru-saala dhiiraafi dubaraa kan qaban jechuudha. Waaqoliin garagaraa 3,000’tti tilmaamaman biyya Giriis keessa jiran kun marti yoo xiqqaate nama hordofu tokko tokko qabu. Garuu namni tokko waaqolii Giriis keessa jiran keessaa, fakkeenyaaf, isa Zues jedhamu tokko sababa hordofuuf lammii Girikiiti yookaan immoo lammii Girikii miti hin jedhamu. Ilaalchi isaan waa’ee amantii irrattis ta’e kan biraa irratti qaban Girikummaa isaanii jijjiiruu hin danda’u…Sirumaa saba bal’aa hamma saba Girikii ga’uun ilaalchaa wal fakkaataa qabaadhaa jechuun saba hammas ga’u sana gara nama tokkootti gadi xiqqeessu xiqqeessuu ta’a.

   

READ  ኢትዮጵያ ከነገ ጀምሮ ድፍድፍ ነዳጅ ማውጣት ትጀምራለች፡፡

Birhanemeskel Senyi Articles:

[gibetube]

  “Waa malee manni hin aaru” akkuma jedhamu, kana hunda jechuun koo waa malee miti. Sabni Oromoo akkuma saba addunyaarra jiruu kamiyyuu eenyummaa mataa isaatii saba qabuudha. Namummaa yookaan nama ta’uu saba Oromoorra darbee akka sabaatti saba Oromoo waanti saboota biroo irraa adda isa godhu jiraachuu mala. Fakkeenyaaf hortee Kuush ta’uun, sirna Gadaa qabaachuun, amantaa ofiisaa amantaa Waaqeffannaa qabaachuun…sabootuma hortee tokko, Kuush, keessatti wajjin argaman irraa saba Oromoo adda baasuu danda’a. Eenyummaan saba Oromoo ilaalcha siyaasaa isaa qofaan ibsamuu hin danda’u; yookaan ilaalcha amantaa isaa, aadaa nyaataa, yookaan uffannaa… isaa qofaan ibsamuu hin danda’u. Akkuman armaan olitti waa’ee eenyummaa namaa walii galatti ibsuu yaale, eenyummaan saba Oromoos wantoota jijjiiramuu danda’aniifi hin dandeenye gara garaa irraa uumame. Sabni Oromoos namoota hamma ta’anii jiranitti “dandeettii yaaduu” fi sababeessuu wajjin uumaman-hammam dandeettiin yaaduu isaanii wal caalus, hammam yaadisaanii gargar ta’us, hammam karaa isaan irra sababeessan jijijjiiramullee jechuudha. Akka yaadakootti wantoota eenyummaa nama dhuunfaa tokkos ta’e saba tokkoo hundeessan keessaa kan yaada namaa irratti hirkatu yookaan bu’aa yaada namaa ta’e yoomiyyuu jijjiiramaaf banaadha. Namni tokko waanta sabni isaa yaadu, yookaan ilaalcha sabni isaa qaburraa ilaalchisaa waan adda ta’eef namni sun miseensa saba sanaa miti jechuun dogoggora. “Man is a free and independent thinker”. Gara saba Oromootti gaafan isin deebisu…sabni Oromoo hidda dhaloota ofiisaa qaba. Saba Oromoo iddoo kamiinuu jiru waanti tokko godhu hidhata hiddaa isaan qaban, yookaan dhiiga Oromummaa isaaniiti. Hammam ilaalchi isaan dhimmoota akka siyaasaa, dinagdee, amantaafi kan biroon irratti qaban gargar ta’ullee garaagarummaa sana gararraatti dhiigni yookaan hiddi isaan irraa dhufan tokko isaan taasisa. Keessattuu ilaalchi amantiifi siyaasaa miseensotni saba Oromoo qaban akka bu’uura tokkummaatti fudhatamuu hin qabu. Akkasumallee ilaalchi amantaa sabichi qabu akka waan qofaasaa eenyummaa saba Oromoo (Oromummaa) ijaaree/uumeetti fudhatmuu hin qabu.

Dowload GibeTube android app Free

  Oromummaan yaadaafi ilaalcha namoota dhuunfaa yookaan ilaalcha gartuu murtaa’ee gararraadha/oli. Oromummaan waanuma salphaa ilaalcha siyaasaafi amantaa namoota dhuunfaatiin ijaarame miti. Oromummaan waa’ee dhiigaati. Waanta namni tokko akka ilaalcha siyaasaafi amantaa isaatii har’a amanee fudhatee borimmoo haalu yookaan ofirraa mulqu miti.

  Jiruufi jireenya dhala Oromoo har’aa yoo ilaalle kaan deegaa kaanimmoo dureessa; kaan biyya abbaa isaarra kaanimmoo biyya alagaarra; kaan Kiristaana; kaan Islaama; kaan Waaqeffataa; kaanimmoo tasuma amantaa kan hin qabneefi Waaqayyo jira jedhee hin amanne; …ilaalchaafi falaasama jireenyaa adda addaa kan qabutu jira. Wantooti caqasaman kun wantoota eenyummaa saba Oromoo hundeessan keessaa tokko tokko ta’anillee garuu bu’uura Oromummaa ta’uu hin danda’an. Oromoo deegaan, Kiristaanni, Islaamni yookaan Waaqeffataan jiraachuu danda’a. Garuu namni tokko deegaa/dureessa ta’uu isaa qofaaf, yookaan Kiristaana/Islaama/Waaqeffataa ta’uu isaa qofaaf akka Oromootti yookaan akka waan Oromoo hin taaneetti fudhatamuu hin qabu. Dabalataan amantaa aadaa Oromoo kan ta’e Waaqeffannaa fudhannee ilaaluu ni dandeenya. Har’a namni tokko amantaa Waaqeffannaa waan hin hordofneef qofa Oromoo miti yoo ittiin jenne of diigaa jirra; yookaan dhiiga keenya halagaa gochaa jirra jechuudha. Akkasumas amantaa sana waan hordofuuf qofa Oromoodha jennee fudhachuun diina ofitti seensisuudha. Yeroo ammaa kana iddoo tokko tokkotti amantaa Islaamaa waan hordofuuf qofa yeroo namni tokko akka Oromootti fudhatamutu jira. Keessumaa altokko tokko “Ati Oromoodhaa?” jedhanii gaafachuufillee “Ati Musliimaa?” jedhamee iddoon itti gaafatamu jira. Biyyuma keenya Oromiyaa keessaa iddoo kaanittimmoo yeroo namni tokko amantaa Ortodoksii waan hordofuuf qofa akka lammii biraatti- akka habashaatti-fudhatamutu jira. Dhalataan Oromoo kamiyyuu falaasama jireenyaa qaburratti hundaa’uudhaan amantaa falaasama isaa sanaa wajjin wal simu, dandeetti sababeessuu isaa fayyadamee, filatee hordofuu danda’a. Akkasumallee lammiin saba biraa kamiyyuu uumamnisaa (originally) amantaa saba Oromoo kan ta’e Waaqeffannaa hordofuu ni danda’a. Garuu namni tokko yookaan Oromoon tokko amantaa isaa gaafa jijjiirratu akka waan Oromummaasaa jijjiirrateetti fudhatamuu hin qabu. Amantaan wantoota eenyummaa Oromoo ijaaran keessaa tokko malee isa tokkicha miti…(religion is one of the things that constitute Oromo identity, but not the only thing!). Oromummaan ilaalcha siyaasaafi amantaa oli!

Like us on facebook

 

READ  NEW YORK CITY || VLOG

   Kanaaf eenyummaan saba Oromoos ilaalchaafi filannoo keenyarratti hundaa’uu hin qabu. Namni tokko Oromoo ta’ee kan uumamu filannoo isaatiin miti; garuu amantaafi siyaasa barbaade filatee yookaan filannoo isaa irratti hundaa’uun hordofa. Oromummaan uumama malee filannoo miti! Amantiin garuu filannoodha malee uumama miti! Amantaa Waaqeffannaa dura saba Oromootu uumame. Sabni Oromoo eega ofii isaatii uumamee akka sabaatti of ijaaree boodadha kan inni siyaasaafi amantaa dhuunfaasaa kalaqate hordofuu jalqabe. Egaa obbolummaan filannoofi ilaalcha dhuunfaa irratti hundaa’e laga ce’uus ta’e laga nu ceesisuu hin danda’u. Waanti hundinuu Oromummaarraa ka’a-Oromummaatu bu’uura waan hundaati. Har’a iddoo gara garaatti waa’een tokkummaa yeroo faarfamu ni dhagahama. Kun garuu saba Oromoof homaa waan barbaachisu fakkaatee natty hin mul’atu. Wantoota gara garaatu walitti dhufee tokko ta’a malee wanta siluma tokko ta’e uumameef “tokkummaa tokkummaa” jedhanii itti faarsuun hin barbaachisu. Kanaafuu yeroo waa’ee Oromummaa dubbannu, waa’ee tokkummaa osoo hintaane waa’ee “obbolummaa” dubbachuutu gaariidha, sababni isaas tokummaa yeroo jennu qaamota gargaarii lamatu walitti dhufee tokkummaa uuma garuu Oromoota haalatu walitti hidhe osoo hintaane dhiigatu walitti hidhe. Filannoo keenya miti. Obbolummaan keenyas dhiiga keenyaan malee filannoofi ilaaalcha dhuunfaan ta’uu hin qabu. Amantaanis ta’e siyaasni Oromummaa booda dhufa. Sooressa, hiyyeessa, beekaa, wallaalaa, Kiristaana, Islaama, Waaqeffataa…ta’uun durattiyyuu Oromoon Oromoodhuma ture. Fuuldurattis ta’ee bu’uurri obbolummaa keenyaa Oromummaa ta’ee itti fufuutu irra jirra. Hundi keenyallee ilaalcha har’a qabnu kana qabaachuu keenyaan duratti Oromoo turre! Oromummaatu dursa! Falaasamni jireenyaa, amantiin, ilaalchi siyaasa, bakki jireenyaa Oromummaa geeddaruu hin danda’u.

Author: Dastaa Alamaayyoo Qana’aa

Email: dadawesome1@gmail.com

Bitootessa 2014, Finfinnee