HIDHAA FI AJJEECHAAN FINCILA HIN DHAABU!

HIDHAA FI AJJEECHAAN FINCILA HIN DHAABU!

Follow me!

Yosef Hamba Tola

is Biotechnologist, writer, reviewer and researcher at Africa-ai-Japan project under Japan International Cooperation Agency (JICA)
Author of Dungoo Oromoo & published articles in the areas of Biotechnology. Currently, he writes for www.gibetube.com and www.beekanguluma.org on current issues of Oromo People, Education, Politics and Agriculture in Ethiopia.
Yosef Hamba Tola
Follow me!

Latest posts by Yosef Hamba Tola (see all)

Addunyaa kana irratti dhalli namaa waa lamaaf hidhama. Tokkoffaa badii yookaan waan hamaa ta’e raawwachuudhaani. Lammaffaa immoo mirga isaatiif osoo falmatuu harka diinaatiin qabamee hidhama. Yaadi tokkoffaa akkuma addunyaa kanaattiyyuu kan wal nu falmisiisu hin qabu. Namni badii godhe adabamuun waan sirriidha. Garuu, kan lammataa gaafa ilaallu sammuu namoota hundaa keessatti gaaffii cimaa uuma. Jarreen namoota mirga isaaniif falmatan kan hidhan yookaan ajjeesan cal jedhanii osoo hin taanee kaayyoo mataa isaanii qabu. Sababnisaa warri mirga isaaniif falmatan kun yoo jarreen kana bakkaa sochoosan waa hedduu afaanii fi funyaaniin of yaasanii kufuu malu. Kanaaf jedhanii hidhaa fi ajjeechaa filatu.

“According to the World Prison Population List (WPPL) Roy Walmsley, International Criminal Policy Study (ICPS) report published on 2nd Feb 2016 more than 10.35 million people are in prison around the World. Ethiopia has the second highest number of prisoners in Africa, 111,050 running after South Africa which has a total of 159,241 inmates Ethiopia is the world’s 15th leading imprisoning nation. The information is the latest available at the end of October 2015.
www.prisonstudies.org

Akka gabaasa ICPStti baatii Gurraandhalaa guyyaa 2ffaa 2016 tti namoota miliyoona 10.35 ol ta’antu addunyaa kana irraa mana hidhaatti dararamaa jira. Itiyoophiyaan namoota 111,050 mana hidhaatti darbachuun Afirikaa keessaa Afirikaa Kibbaatti (159,241) aantee sadarkaa 2ffaa irratti argamti. Baay’ina namoota mana hidhaa jiran Kanaan Itiyoophiyaan akka addunyaatti sadarkaa 15ffaa irra jirti. Ragaaleen kun kanneen hanga xumura baatii Onkoloolessaa bara 2015tti funaanamaniidha.

READ  DHAABAA WAYYEESSAA: BARREESSAA ASOOSAMA GODAANNISAA, GURRAACHA ABBAYYAAfi.........

ICPS akkas jedhee yoo gabaase iyyuu anaafimmoo ammayyuu gabaasi kun naaf hin liqimsamu. Sababnisaa ummmati Itiyoophiyaa mana hidhaa keessatti dararamaa jiran kana qofaa hin ta’ani. Akkasumas akkuma ICPS jedhee ture manneetiin hidhaa Itiyoophiyaa lakkoofsi isaanii beekamuu hin dandeenye baadiyaa keessatti faca’anii argamu. Ragaaleen kun illee akka bakkeewwan kana hin tuqne ni dubbata.
[gibetube]

“Since Ethiopia has so many unknown prisons, often where tortures are routinely practiced, the number of prisoners in Ethiopia is very small and misleading.” Says ICPS

Sababa miidiyaan biyyattii keessa jirus harka mootummaatiin qabamee jiruuf ragaa hedduun illee argamuu hin danda’u. Itti dabalees immoo gaazixeessitootni addunyaa illee akka fedha isaaniitti biyyicha keessa naanna’uun raga funaanuun ni ulfaata. Ragaaleen waggaa waggaan dhiyaatan kun iyyuu bifa dhoksaatiin kan argaman natti fakkaatu. Akkuma beekamuu gaazixeessitoonni biyya alaa hedduun manneetii hidhaa Itiyoophiyaa keessatti akka dararamaa turan dhageenyee jirra. Qaamoleen miti mootummaa biyya keessa socha’an illee hedduu of sodaachaa jiraatu. Dararaa mootummaan Itiyoophiyaa dhimma siyaasa biyyattii waliin wal qabsiisee fudhachaa jiru kan hedduu nama yaaddessuudha.

Lakkoosa hidhamtoota ICPS Itiyoophiyaa keessaa gabeese kun harki walakkaa ol saba Oromoo akka ta’e eenyu jalaa iyyuu kan dhokatu miti. Akkuma ragaaleen hedduu dhugaa ba’aa jiran afaanni bal’inaan manneetii hidhaa Itiyoophiyaa keessatti namoota hedduun dubbatamu Afaan Oromooti. Kana jechuun immoo hidhamtootni harki caalaan ilmaan Oromooti. Baatii afurii asitti ilmaan Oromoo jumilaan mana hidhaatti guuramaa waan jiraniif lakkoofsi namoota Itiyoophiyaa keessatti hidhamanii kun dachaan waan dabalee jiru natti fakkaata. Baadiyaa fi magaalaa Oromiyaa yoo deemnee daawwanne dargaggeessa, shamarran, fi abbootii manatti hin arginu. Abbaa fi ilmaan mana hidhaatti guuramanii jiru.

Suuraan armaan gadii kun jechoota kuma hedduu ol dubbachuu mala. Kunis dararaa lammiiwwan Itiyoophiyaa guyyaa fi halkan mana hidhaa keessatti mudachaa jiruudha. Namni mana hidhaa Itiyoophiyaa seene nama du’ee wajjin tokkuma jechuu ni dandeenye. Kan du’e ni obbaafate. Garuu kan mana hidhichaa keessa jiru dararaa isaatu du’a namatti caala. Dhalli namaa haala Kanaan haadi itti hidhamee fannima. Fannifamuu qofaa miti achi irrattis reebama. Waanta isaan jedhi jedhan hin jedhu taanaan hidhameedhuma oolee bula. Achuma irra taa’ee dhiiga afaanii fi funyaaniin roobsa. Osoodhuma ilaaluu qaamni isaa ciccitee foon diimaa ta’a. Shiboon yookaan uleen isaan ittiin reeban illee osoodhuma ilaalanii dhiiga uffata.

READ  SABABAWWAN KURNAN ATI GUFUUWWAN JIREENYA KEESSATTI SI QUNNAMAN ITTI JAALLACHUU QABDUU.
torture
Facebook Post by Yassin Juma

Kana qofaas miti achi irraa gadi fuudhanii qaama hormaataa isaatti Qaruuraa bishaan itti guutame itti fannisu. 

Fannifatee olii gadi akka deemus ni dirqisiisu. Sirba dirqamaa waan ta’eefis waa gochuun tasumaa hin jiru. Hamma lubbuun nama keessa jirtutti waan ajajaman hojjetu. Gabaabaadhumatti, nama sana kolaasuu barbaadaniiti. Sanyiin nama kanaa darbee akka ilmoo bilisummaaf dhaabbattu hin dhalchineefi. Kallattiidhumaan yoo ilaalle sanyii isaa lafa irraa duguuguu barbaadaniiti.
[gibetube]

Bara 2014 ergaa Fincilli Diddaa Gabrummaa (FDG) saba Oromootiin ciminaan itti fufee lakkoofsi ajjeechaa fi hidhaa saba Oromoo hedduminaan dabalaa jira. Bara kana duras sabni keenya ajjeefamaas, hidhamaas jira. Ittumma fufee walakkeessa Sadaasa bara 2015 eegalee haalli fincila barattootaa fi saba Oromoo hundaa mootummaa Itiyoophiyaa irratti dhiibbaa hamaa godheera. Mootummichas sadarkaa of sodaaturraan ga’eera. Sodaa qabuu irraan kan ka’e tarkaanfii ajjeechaa fi dararaa hadhaawaa daran dabalee fudhachaa jira. Namoonni 40,000 ol ta’anis mana hidhaatti guuramaniiru. Kan lakkoofsa isaanii tilmaamamuu hin dandeenyes bakki isaan bu’an hin beekamu. Hanga guyyaa har’aatti du’aan ilmaan Oromoo bishaanii fi bool’a garaagaraa keessatti argamaa jira. Akka barbaadanitti ajjeesanii bosonatti darbachaa jiru.

Kanneen seeraan qabamanii mana hidhaa jiranis dararaa hamaa jala jiru. Nyaataa fi yaala mana qorichaa ga’aa argachaa hin jirani. Manni isaan keessatti hidhamanii jiran illee kan fayyaa isaaniif filatamaa hin taaneedha. Namoota digdamaa ol ta’anii mana namni tokko keessa jiraatutti ukkaamsaan hidhamanii jiraatu. Mana hidhaa jirra jedhu malee hagam akka hidhamanii fi yoom akka hiikaman hin beekamu. Kun mala ittiin qabsoo saba Oromoo laamshessuuf wayyaaneen baafatteedha.

Waanti beekamuu qabu tokko, ajjeechaa fi hidhaan daran qabsoo oonnachiisa malee hin laaffisu. Warri gowwaan karaa dhaqaa malee karaa gala hin beekne faallaa yaadu. Gaafa namni irraan olee deemu irraangadee fiigu. Waan hundaa faallaa hojjetu. Jireenyuma isaaniitu faalladha. Mataa isaaniis ofumaa akka buqqee jala siqanii baatanii deemu malee akka dhala namaatti itti hin fayyadamne. Namni akka namaatti yaadu dhiiga namaatiin fuula dhiqatee nama gidduu hin adeemu. Akka waan dhugaa qabuu afaan banee hin odeessu. Kun hunduu waan wayyaaneen gochaa jirtuudha. Karoorri wayyaanee kun suuta suutaan bool’a waraabessaatti ishee galchaa jira. Waraabesssi iyyuu foonkee hadhaawaadha, hin nyaadhu jedhee waan didu natti fakkaata.

READ  Rakkoon Keenya Dhugumattuu Hanqina Bulchiinsa Gaariiti!!!

Lakkoofsi namoota du’anii fi hidhamanii kun Mootummaa wayyaanee kana irratti kufaatii hamaa fi sodaachisaa fidaa jira. Biyyattii keessatti sababa fincilaaf wantooti hedduun qisaasa’ee dinagdee biyyattii mataan dhaabaa jira. Guddinni digiitii lamaa jedhanis kunoo baatii afur keessatti digiitii tokkotti gadi hu’eera jedha Muummichi ministeera biyyattii. Jijjiiramni baatii muraasa gidduutti mul’ate kun gaafa FDG baatii afuriif itti dabalame immoo mootummattii akka bakkaa bal’eessu namatti agarsiisa.
[gibetube]

Kanaafuu, gochaa suukanneessaa wayyaaneen saba Oromoo irratti fudhachaa jirtu kun daran fincila bobeessee kufaatii wayyaanee saffisiisa. Wayyaaneen ofiidhuma isheetiif bool’a qotachaa jirti. Sabni Oromoo biyyoo itti deebisee awwaaluudhaaf booda deemaa jira. Ofiidhuma isheetii abidda ofitti afuuftee masaraa mootummaa ishee ofirratti gubaa jirti. Rasaasi isheen ilmaan Oromoo irratti roobsites galagalee ishee irratti roobaa jira. Guyyaan buqqaatee mataan baduu ishees dhiyaateera.

Qabsoon itti fufa!
Injifannoon Saba Bal’aa Oromootiif!

Read More Yooseef Hambaa Tolaa Articles  Below

Follow me!

Yosef Hamba Tola

is Biotechnologist, writer, reviewer and researcher at Africa-ai-Japan project under Japan International Cooperation Agency (JICA)
Author of Dungoo Oromoo & published articles in the areas of Biotechnology. Currently, he writes for www.gibetube.com and www.beekanguluma.org on current issues of Oromo People, Education, Politics and Agriculture in Ethiopia.
Yosef Hamba Tola
Follow me!

Latest posts by Yosef Hamba Tola (see all)