Hogganaan Qabsoo Ummata Oromoo Eenyu ?

Ummanni Oromoo erga gabrummaa habashaa jala seenee eegalee waggoota dhibbaa ol lakkoofsiseera. Waggoota dhibban dabran kana keessattis eenyummaan isaa irraa mulqamee, namaa gaditti lakkaawamee, aadaafi afaan isaa tuffatamee akka ummata seenaa hin qabneetitti gadi qabamee tureera. Akkuma ba’aan gabrummaa ulfaataa dhufeen qabasaawonni Oromoo lubbuu isaanii wareeganii gabrummaa jalaa bahuuf bu’aafi bayii heddu keessa dabraniiru. Waldaa walgargaarsaa uumurraa eegalee hamma Jaarmaya siyaasaa dhimma ummata Oromoo bakkaan ga’uu uumuu gahuudhaan waan danda’an hunda saba isaanitiif gumaachaniiru, ammas gumaachaa jiru.

Aadan, Afaanifi eenyummaan Oromoo kaleessa dhokataa ture sun, har’a ifatti bayee akka a10394054_1012929822132732_3533617326082315781_ndduunyaatti sadarkaa beekkamtii argatu irra gayee jira. Injifannoolen gama hundaanuu argamaa jiran kan tuffatamanii miti. Waan kaleessaa yoo gadi qabnee ilaalle haalli Ummanni keenna har’a irra jiru baay’ee fooyya’aadha jechuun ni danda’ama. Haa ta’uu garuu Ummanni keenna kennaa Rabbiin kenneef; baay’ina isaa, qabeenya uumamaa isaa, bal’ina lafa isaafi kkf yoo ilaalle wanti isaan malu dhibbantaadhaan yoo ilaalle %5nu galma hin geenne. Galmi guddaan ummata Oromoo, hiree ofii ofiin murteeffachuu hamma ammaatti hin dhugoomne. Qabsoon bifa Jaarmayaatin gaggeefamtus yeroo tokko jabachaa, yeroo tokko laafaa sadarkaa amma irra jirturra geettee jirti.

Ummanni Oromoo carraa hiree ofii ofiin murteeffachuu yeroo lamaaf sadi argatee ture. Wayta mootummaan Haylasillasee aangorra jiru General Taaddasa Birruu shira ummata Oromoo irratti hojjatamaa jiru erga sirritti hubatee booda tarkaanfii dhumaa mooticharratti fudhatee wayta aangoo biyattii harkatti galfatuuf marii icittii gaggeessee ture. Marii kanarratti nama saba habashaa of keessa galchuu isaatiin icittiin suni bayee wixineen suni fashalaaye. Gama biraatin Gaafa mootummaan Haylasillaasee kufu qabsaawonni Oromoo osoo yaada tokkorratti walii hin galin ( gareen tokko Itiyoophiyummaa dura aansinee haa deemnu, gareen biraa immoo Oromummaa Haguuguu hin qabnu) osoo jedhan carraan silaa Ummanni Oromoo aangoo biyyattii itti argatu harkaa baate. Yeroo sanatti lammiilen Oromoo ciccimoon Dargii waliin hiriiranii ummata keenyaf bu’aa ni buusna jedhanii yaadudhaan dogongora hojjatan.

Wayta mootummaan Dargii kufus ummanni keenna carraa bara 1991 sana akka barbaadamutti itti fayyadamuu hin dandeenne. Inumaayyuu mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti balaan guddaan akka qaqqabu karra bane. Yeroma sanatti dhaabni qabsoo ummata Oromoo sakaalu, dhaabni seenaa hin qabne DHDUOn ganda alagaa keessatti hundaa’ee tajaajila alagaatif ooludhaan hamma ammaatti ummanni akka cunqursaafi gadadoo jala jiraatu isa godhe.

Walumaagalatti yoo ilaallu ummanni keenna carraalee kana dura isa mudatan hundaa sirritti itti fayyadamuu dhabuu isaatiin cunqursaafi gidiraan hamma ammaatti deemaa jiru akka sadarkaa kana gahuuf carraa kenne. Kufaatii kanaaf itti gaafatamummaa guddaa kan fudhatu qaama hoggansa dhaabilee siyaasaati jechuu ni dandeenya. Kufaatin dhaaba tokkoo kufaatii hoggansaati. Kaayyon kamiyyuu haala barbaadameen galma ga’uu kan danda’u yoo hoggansa cimaa ummata ofjala hiriirsee adeemu qabaate qofa. Akkuma mammaaksi jedhe sana leenca kumaa holaadhaan hogganamuurra hoolaa kumaa leenca tokkoon hogganamuutu caala. Hoggansi taphaa miti onnee gaafata, aarsaa cimaa gaafata, kutannoo gaafata. Akka Generaal Waqqoo Guutoo san fa’a yeroo alagaan xayyaaraan isaan waraanu san qawweedhaan loluudhaaf jegnummaa feesisa. Afaanumaan eddoofi haala mijaawaa keessa taa’anii eeboo jechaa darbachuun yoomiyyuu injifannoo nama hin gonfachiisu.

Kanarraa kaane haala yeroo ammaa jiru yoo ilaalle, qabsoo ummanni Oromoo finiinsee adeemsisaa jiru kana keessatti hogganaan eennu? dhaaba kami? eessa jira gaafin jedhu sammuu ummataa keessa adeemun isaa hin oolu. Kanaaf ummanni hoggansa isaa sirritti beekuutu irra jiraata. Ummanni yeroo tokkotti kallattii garagaraatii ajajamuu hin danda’u. Wanni yeroo ammaa rakkoo uumaa jirus isa kana. Dhimmi alaabaa as aanaa kana biyya Masrii irraa kaatee Ummata Oromoo kallattii hundarra jiru sochoostee ajandaa marii taasisfte bu’uurrii isii isuma kana. Dhaabboliin Siyaasaa Oromoo yeroo kamiyyuu caalaa yeroon itti gama tokkotti dhufanii kallattii tokkorratti fuullefachuudhaan ummataaf qabsaawuu yeroon itti qaban amma.

Dhaabni Siyaasaa Oromoo biyya keessa karaa nagayaatin falmaa jiru KFO ( Kongrasiin Federaalistii Oromoo) kan Kabajamaa Dr. Mararaa Guddinaatiin hoogganamu, mootummaa qawwee qofaan amanu dura dhaabatanii aarsaan isaan kanfalaa jiran waan himamee dhumuu miti. Gaggeessitoonni paartichaa gubbaa hamma jalaatti hidhaadhaan, tumaadhaan, biyyaa baqannaadhaan gidiraa hamaa argaa jiru. Seerafi heera biyyattii kabajanii galmaa’anis akka fedhanitti socho’anii ummata waliin qabsaa’uf karaa argachuu hin dandeenne. Kabajamoo Obboo Baqqala Garbaa, Obboo Dajanee Xaafaafaan mana hidhaa sukaneessaa Maa’ikalaawi keessa gaaga’amni meeqaa meeqa osoo isaanirra gahaa jiruu ejjannoodhaan ummata waliin ummata keessa taa’anii falmataa jiru.

Hoggansi Oromoo biyya alaa garuu, har’as taanaan waan ummata gammachiisu hojjataa jira jechuuf waan nama onnachiisu natti hin fakkaatu. Sochiilen eegalaman jiraachuu isaanii dhagahaa jiraannus, ammas taanan hattattamaan jabaatanii gidiraa jaarraa tokko lakkoofsise kana ummatarraa buusuf tokkummaan dhaabatuu qabu. Tarii mootummaan kuni kufuuf ga’eera jedhanii asumaa aangoo boruutiif waldhabbii uumun waan nama qaanessu ta’uu isaa hubachuutu isinirra jiraata. Lafa Oromiyaa osoo hin bilisoomsin alaabaa eddoon itti fannifamu osoo harka isaanii hin ga’in alaabarratti wal fixuun foon lafa jiru allaatti samii irratti wal fixxuun wal isaan fakkeessa.

Ummanni Oromoo yeroo ammaa kanatti, inni biyya keessafii alas jiru afaan tokkoon waan qabatamaa arguu akka barbaadu dubbataa jira. Dhaabni/gurmuun ummata kana bakka bu’a jedhee maqaa ummata kanaatin socho’u kamiyyuu gaafii kanaaf deebii qabatamaa kennuu akka qabu sirritti beekuu qaba. Bokkisaafi ololli sabqunnamtii ummataa irratti gadi dhiisamu bilisummaa ni gargaara yoo ta’e malee dhugoomsuu hin danda’u. Yoo kana hin goone taatemmoo, gufuu qabsoo bilisummaa ummataa ta’uu dhiisanii qaama hojjachuu danda’uuf eddoo gadi lakkisuutu irra jiraata. Yeroon yeroo qabatamaan waan tokko ummatatti agarsiisanii aantummaa ummataa itti agarsiisan malee yeroo gosaafi ganda wal iyyaafatanii wal jara hiriiranii miti. Waan hunda caalaa immoo yeroon yeroo qabsooti, yeroo diinarraa biyya koloneeffatamte itti deebifatani malee yeroo mormiitii miti. Kanaafuu, waan dursuu qabnu haa dursinuun amaanaa tiyya. Yoo xinnaate dhiigni ilmaan Oromoo qaqqaalii harka diinaa irratti jigaa jiru suni garaa isin haa nyaatuu, isin haa quuquu.

Galatooma
Tokkummaan Humna!

Find gibetube.com on  Facebook  Twitter GooglePlus  YouTube