MALLATTOOLEE KUDHA LAMAAN GEGGEESSAA GAARII TA’UU KEE AGARSIISAN.(12 Signs That You’re A Remarkably Good Leader)

MALLATTOOLEE KUDHA LAMAAN GEGGEESSAA GAARII TA’UU KEE AGARSIISAN.

12 Signs That You’re A Remarkably Good Leader

Namootni baay’een kiyyoo yaadaa “namni akkasumaan jiraatee darbuu ol hin ta’u” jedhuun qabamu. Miindeffamaa, barsiisaa akkasumaan ta’e ,barataa , hojjetaa waajjiraa ta’uufi , akkasumas taayitaa dhabuun isaanii akka isaan jireenya isaanii hordofaa qofa ta’anii xumuran waan isaan godhutti yaadu.
Kana caalaa garuu gowwummaa hin qabanii. Geggessummaan bifaafi hamma garaa garaan dhufa. Qulqullini isaa waan dafnee hubachuu dandeenyudha. Armaan gaditti mallattoolee kudha lamaan ati geggeessaa qofa osoo hin taane geggeessaa gaarii akka taate mirkaneessan waliin ilaalla.12 signs
1) ATI KAN GEGGEESSITU YEROO BARBAADAMTU QOFA!
Yeroo baay’ee namootni waa hundaa anatu beeka ofiin jedhan hojii nuun harkatti qabannee jirru maalis haa ta’u maalis anatu geggeessa kan jedhan nu quunnamu. Hojichii yoo pirojektii gareen dalagamus ta’e biyya ilaaluuf karoora baafamu ykn dogoggorri yeroo uumamullee taanaan namootni kunneen of kan agarsiisan yeroo ta’u akka geggeessaa ta’anitti namni akka isaan baru gochuuf kufanii ka’anii dadhabu. Yeroo hundumaa kana gochuun garuu geggeessaa gaarii ta’uu hin agarsiisu. Geggeessaa gaariin maal irratti hojjechuu akka qabu kan beekuufi kan inni hojjetu gaarumma pirojektii isaaniifi malee ofii isaaniif miti. Yoom akka barbaachisaniifi ulee isaanii yoom akka lafaa kaasan beeku.
2) ATI KAN GEGGEESSITU KAAYYOO GALMAAN GAHUUF KA’ANIIF MALEE GUDDINA HOJII DALAGAN SANA IRRAA ARGATANIIF MITI!
Guddinaaf fedhii qabachuun yoo kan jibbamu miti ta’ellee , gaggeessaa gaariin humna qabu jalqabarratti kaayyoo geggeessu sanaaf itti aansee garee wajjin dalaguuf yeroo ta’u dhuma irratti ofii isaaf ykn isheefi. Geggessummaan aangoo wajjin ni dhufa; garuu geggeessaa ta’uuf aangoo qabaachuun dirqama miti. Yoo piroojekti kee irraa faayidaa dhuunfaa qofa abdachuun itti seente, kan ati yaadde kun bu’aa isaa kan argattuufi haamilee hojjettoota kee keessatti kan mul’atu ta’ee mul’achuu qaba.
3) SEERA CABSUU BAKKA QABDUTTI HIN SEESIIN!
Geggessummaan wantootaaf irra deebiin hiika laachuu, furmaata haaraa barbaaduu fi namoota biroo gara bakka amma irra fooyya’eefi gara bakka guddaa ta’etti geessu jechuudha. Geggeessitootni gaariin bakka tokko qofaa hin turan. Akkasumas waan hojjetan seera jiruu ala bahaniis ni hojjetu. Geggessummaan jiijjirama hundee fiduu yeroo ta’u kun ammoo seera hundaa utuu hin cabsinan godha yoo jenne galma gahuu dhiisuu danda’a.
4) DHUGAAF DUBBADHU!
Waan haqa-qabeessa hin taane utuu dalagamuu yoo agarte ragaa ni baataa? Geggessitootni gaariin kan isaan ittiin beekamaan rakkoon akka isaan irra gahu utuu beekanii waan jaallatamuuf osoo hin taane waan dhugaa ta’eef dubbachuu isaaniini. Warra humna hin qabneef dhaabbachuun isaaniifi namoota kaan gargaaruuf jiraachuun amala geggeessaa gaariiti.
5) GAREE KEE SIRRIITTI BEEKUUN DIRQAMA KEETI!
Piroojektii keessaniif ‘goommaa ‘ ta’ee kan fuulduratti deemsisu utuu waa’ee nama wajjin hojjettuu fi cimina isaanii hin beekiin barbaadde haa jennu. Nama itti gaafatamummaa sana bahu argatte garuu namni sun maqaa kee beekee ittiin si hin waamu ykn maqaa dogooggora ta’een si waama haa jennu. Geggeessitootni cimoon garuu tokkon tokkoon miseensa garee isaanii kan beekaniifi dhuunfaan kan itti hiiqan yeroo ta’u yeroo bakka bu’umsaan itti gaafatamummaa kennan eenyuuf akka kennan adda baasanii beekuu.
6) NAMA BAKKA SANAAF SIRRIIDHA JETTEE YAADDUF MUUDAMA KENNI!
Garee keefi dandeetti isaanii beektee yoo irraa hin fayyadamtu ta’eef beekuun kee siif gaarummaa maalii qabaa? Geggeessaa gaariin dandeettii garee isaa qofa beeka miti. Haala gaarii ta’een bakka gaariitti ciminaaf dadhabina isaanii ilaaluun akka isaan bu’aa argamsiisaniif muudama sirri ta’e laataaf.
7) BAKKA BARBAACHISUTTI HOJII GAARIIF BEEKAMTII LAADHU.
Erga galma gahamee booda namootni biroon geggeessaa garee sanaaf akka beekamtii kennan beekamadha. Geggeessaa gadheen beekamtii dhufu kan isaan qofaan dhufe gochuun kan dhuunfaa isaanii godhachuuf qophiidha. Geggeessaa gaariin garuu waan tokko tokkoon namoota dhuunfaa garee sana godhan osoo hin kaasiin darbuu hin barbaadani. Yeroo gammachuu kanatti jecha “nuti” jedhu itti makuun baay’ee nu deemsisa. Geggeessaa dhugaan namoota naannoo isaatti argamaniin ala homaa akka hin taane waan beekuuf kana baasanii dubbachuu isaanitti hin qaanfatani.
8) Namni hunduu kan doggogoru yeroo ta’u geggeessaa gaariin kanaa ala hin ba’u .
Kufaatiin milkaa’ina caalu gaarii gadhee irraa kan ittiin adda baafannu yeroo ta’u, namni kufaatiin isaa caalu kan warra itti gaafatamuummaa fudhachuu hin barbaadnedha. Geggeessaa gaariin kufaatiin kan dhufe isaan ta’uu himee itti gaafatamummaa garee isaa ofii fudhata. Geggeessitootni gaariin yeroo kufaatiin isaan qabu baay’ee kan isaan hin dhiphanneef ammayyuu taanaan garee gaarii ittiin mo’uu danda’an qabatanii akka deemaa jiran waan amananiifi.
9) WAAN GOTUTTI AMANII!
Geggesitootni gaariin yeroo garee tokko bakka hin beeknetti geggeessuuf fuudhanii ka’aniitti akka murtoo isaan fudhatan sirrii ta’e ni amanu. Muuxannoo yeroo darbee irratti kan hundaa’uun ykn beektota biraa ykn garee isaanii keessa nama muxxanoo qabu gargaarsa gaafachuun fuulduratti deemu. Sodaan bakka hin beekne dhaquu isaanitti kan itti hin dhaga’amneef waan ofii isaanifi garee isaanitti amananiifi.
10) YAADI GAARIIN ATI QABDU KAN SIRRAA NAMA BIRATTI DARBU TA’UU QABA!
Haala kam keessa yoo jiraatanillee geggeessitootni gaariin afuurri isaanii gaariidha. Kufaatii isaanii galataan kan fudhatan yeroo ta’u milkaa’inii isaaniis isaan macheessee sammutti ol hin bahu. Qoosaan isaanii qixa kan qabu , baay’ees of kan of hin guddisneefi miseensa garee kamuu caalaa hiriyaa kan qabanidha. Geggeessaa gaariin hojiif fedha guddaa kan qaban yeroo ta’u gaarummaa isaan yaadan isinirra kan nama birootii darbuufi qulqullina hojii garee isaanii irratti kan mul’atu dha.
11) DHAGGEEFFATAA GAARII TA’UU QABDA!
Geggeessaa gaariin garee isaa of jalatti bulcha osoo hin taane wajjiniin hojjeta. Namootni akkasii yaada haaraa dhaggeeffachuuf qophii yeroo ta’an gorsaaf ykn waan hin beekne baruuf gaafachuu hin sodaatani. Waa hundaa olimmoo namootni kunneen ceephoon miseensa garee ykn maamiltoota isaanii waan bade tokko ilaalchisuun ykn doggogora dalaganiin yeroo isaanitti dhufu ofirraa hin dhiiban ykn hin aarani.
12) GEGGEESSAA GAARIIN JIJJIIRAMAAF NAMA KAKAASA!
Geggeessaa gaariin garaa garummaa geggeessuufi ajajuu gidduu jiru adda baasanii beeku. Ajajuun miseensa garee sanaa sodaachisanii hojiin akka hojjetamu gochuu jechuudha. Geggeessuun miseensa garee sana keessatti kaka’umsa horanii waan barbaadamu sana hojjetamee arguu jechuudha. Geggeessaa gaariin namoota garee isaa keessatti argamaniif kaka’umsa kennuun nama ta’uu danda’an keessaa isa hundaa ol gaarii ta’e akka ta’an godha. Ka’umsa hundeen isaa jabaa waan ka’aniif beekumsa isaanii qooduutti hin qaana’ani. Yoo daandii ittiin miseensi garee keetii guddatan nama soqu taate; isaanis guddachuuf waan kaka’umsa argataniif hojiin isaanii hammam akka isaan sitti boonan calaqqisiisa.

MALLATOOLEE KUDHA LAMAAN KAN FAYYADAMUUN GEGGEESSAA GAARII TA’UU NI DANDEESSA!

Barreessaan : Johel Goldisteyin
Kan hiikee: Tamasgeen Axinaafuu
Madda: Lifehack.com
Caamsaa 30 ,2016 ( Caamsaa 22,2008 )
Asuma Oromiyaa magaalaa Shaamboo irraa!
Horaa Bulaa!