Maloota sasalphoo jahan miirota keenya itti to’annu.

Follow me

Beekan Irranaa

Beekan is writer, editor, researcher and Instructor at Harvard University
Authors ofmore than 30 Afaan Oromoo books & editor of many books, magazines and articles. Currently, he writes on his site (beekanguluma.org) and gibetube.com on current issues of Oromo people, culture, education and politics.
Beekan Irranaa
Follow me

Latest posts by Beekan Irranaa (see all)

TO’ANNAA MIIRAA

4314095

Dhalli namaa miira geggeeffama. Miirri humna jabaa dalagaalee keenyaa guyyuu oofnu keessatti nubiraa hafuu hindandeenyedha. Yeroo hedduu haaloota keessa jirru kan akka gammachuu, gadda, aarii, dhiphinaafi kkf keessa taanee murtii nuti murteessinu jira. Murtiiwwan kun miira keenyaan geggeeffamanii hamaas ta’e gaariitiin goolabamuu malu. Calaqqeewwan miira keenyaa kun ajaa’ibsiifannaa, milkoomina, argachuufi dhabuu keessattillee murtaa’uu kan danda’anidha. Egaa, akkitti fayyadama miira keenyaa fayyaa keenyaarratti dhiibbaa qaba.

Namoonni baay’een miira isaaniin oofamanii balaa garaagaraa keessa seenuu; namas seensisu. Waaqayyo gaafa nu uumu qaama ittiin ijaaramnee socho’aa jirru, hafuuraafi lubbuun guutuu taasisee nu uumeera. Kanaafis guutummaan keenyaa fayyummaafi isatti gammadaa yeroo mara ofirratti gammachuu labsaa jiraachuu malee dallansuufi aariin jireenya keenya guggubaa akka jiraannu hinfedhu. Hata’u malee, jiruun addunyaa kanaa; garbummaan, hiyyumni, haqa dhabuufi lafa yaadaan ga’uu dhabuun yeroo hedduu miira keenyaa fudhatee gara hamaatti oofa.

Fayyaa keenyaa miidhurra taree yeroo inni itti haala nyaataafi dhugaatii keenyaarratti dhiibbaa qabaatu nijira. Miirri hamaan nama keessatti gaafa guddate gara of dhabuu darbee akka tarkaanfii hamaa ofii keenyaafi namoota fakkaatti keenyaan uumamanirratti fudhannu nutaasisa.

Yeroo tokko tokko namoonni sammuudhaa dhibamanii ogeessa sammuu/gorsaa biraa aara galfachuuf gatii kaffalanii yaalamu. Haata’u malee miirri guutummaatti namatti waan adda hinbaaneef ogeessi miiraa abbichuma ta’uu qaba. Kutaa kanaa gaditti tarsiimoolee muraasa ittiin miira keenyaa to’annee fayyaaf nagaa Waaqni nuuf kennetti akka jiraannun kaasuuuf jedha. Mee qabxiileen ani kaasu kana keessatti jireenyaa keenya haa ilaallu.

1. Rakkinicharra mallattoo rakkina sanaa ilaali.control-of-your-emotions

Yeroo tokko tokko rakkinni nuti yeroof baannu mallattoo rakkinni sun guuree yaa’uu caalaatti guddatee nutti mul’ata ta’a. Gaafa ija hubannaatiin hundasaa ilaallu garuu mallattooleen rakkinaa nuti ilaalaa jirru sun rakkoo nuti sammuu keenya keessatti guddifnee baannu sanaa gadidha.
Fakkeenyaaf, garaan nuciniinee yookaan mataan nudhukkubeef du’a hamaa duuna miti. Garuu waan mataa yookaan akka garaan keenyaa nudhukkubu taasise sana yoo laalle waan salphaadha.

Waan akka salphaatti ofirraa kutuu dandeenyuuf miira dhiphinaa keessa gallee balleessaa biraa oomishuun nurra hinjiraatu.

Yeroo tokko tokko abaluun yookaan ebeluun of nyaatti/nyaata; har’a ammoo maal ta’e laata? jenna. Humni uumaan nukeessa kaa’e haalota naannoo keenyaa nurratti ka’an sana daran nicaala. Kanaafuu, humna uumaan akka ati miirakee hamaa irra aantuuf sikeessa kaa’e sanatti gargaarami.

2. Dhugaarratti ijaaramuu qabna.fbf089394834537a78b8fb670e11b00a


Yeroo tokko tokko sobni namni nuti afarsu dhugaa lafa jiru nujalaa danqee gatii nukaffalchiisa. Haata’u malee, ceephoo sammuu jalaa ba’uu dadhabna. Sobni nuti nama sodaaf sobnu keessa keenyatti aarii, gadda, jallina, hamii, qoccolloofi morkii guddisuu danda’a. Oromoon ‘Dhugaan ilmoo Waaqaati’ jedha. Dabalataanis, dhugaan niqallatti malee hincittuu jedha.

Dhugaan birmaduu nama baasa. Dhugaaf jecha yoo jiraatan Waaqaaf nama biraa galata argatu.

Soba namaatiin ijaaramuun daandii badisaatti nama oofa. Amalli badaanis amala gaarii mancaasa. Dhugaatti qabamanii jiraachuun bu’aa hedduu qaba. Jaarmiyaa sobaa miseensa miliyoonotaan ijaaramanirra; kan haqarratti hundaa’an tokko faana dhaabbachuutu xumura bareeda.

3. Dallanuu/aaruu keessa turuu hinqabnu

Jiruu addunyaa kana keessatti gaafa namaan walitti bu’anu dallansuuf aariin numa jiraata. Badiif tolaa hojii keessatti aariifi gaddillee numa jiraata. Baratanii milkii dhabuu, daldalanii qarshii dhabuufi dhukkubsatanii fayyaa dhabuun waanuma uumamaan jiranidha. Haata’u malee, aariin kunneen hagamiif nurra turuu qabu kan jedhutu deebii barbaada. Aariifi dallansuun namarra gaafa bubbulan miira keenya miidhuurra darbanii nicabsuyyu. Kanaafuu, battala namaan walitti buuneefi dogoggora keenyaas ta’e kan namaa hubannetti dhiifama gaafachuun of suphinee miira keenyaa nageenyatti deeffachuu ni dandeenya.

Waliif dhiisuufi nagaa buusuun sodaa utuu hintaane murtii qajeelummaati.

Baalleessaa gooteef sirratti ta’e maraaf dhiifamaan haaloo qabbaneessuun mallattoo nageenyaa qabbanaati.



4. Jallinaafi rakkoowwan darbaniin of miidhuu.controlyouremotionsimpleversion1

Jiruun addunyaa kun hiree bu’aa ba’iitiin waan guutamteef daandii irra deemnee dhufne keessatti badii gooneefi nurratti taasifameen miidhmneerra ta’a. Waan fokkuun garuu badii yeroo ijoollummaatii kaanee qabnuuf nurratti taasifame sana mara yaaduudhaan miira keenyaa miina yoo ta’e, kun caalaattuu miira keenyaa dadhabsiisaa deemuu mala.

Sammuu haaraa; yaada haaraafi qalbii haaraadhaan fuulduraaf jiraachuudha malee badii darbe keessatti hidhamnee jireenyarra of cabsuun nurraa hin eegamu.

Jireenyi lafa kanarraa akka gaaddidduufi keessummaa kara deemaati. Xiqqumaaf jiraatanii keessa lufu. Waan darbeen keessakee hin hubiin. Carraa gurguddaa durakee jiruuf dalagi.

5. Yaadannoo Gaddaa-Stop-letting-people-who-do-so-little-for-you-control-so-much-of-your-mind-feelings-and-emotions.-Will-Smith

Dhalli namaa sababa garaagaraan gadda maatii dhabuu, firasaa garmalee dhabuufi qaamasaa dhabuu niqaba ta’a. Yeroo namni (wanti) nuti ija duratti abdii irra kaa’anne nujalaa dhabamutti gadda hamaan waxalamna ta’a. Duuti firaafi lammii garaa keenyaa gaddan reebuusaarra gara jireenyaatti of deebisuuf hojjechuu qabna.

Gadda dabarsite sana akka yaa’a bishaan lagaatti waan darbaniif irraanfachuu qabda.

Waan darbe miirakee cabsuurra taree fuuldurakeellee danqa; irraa of eegi.

6. Hariiroo fayyaafi miira keenyaa eeguu-a22e56644943122bfae90a169a186660

Gaafa miirri keenyaa miidhamu hariiroon nuti fayyaa keenyaafi jiruu hafuuraa faana qabnullee miidhamaa ta’a. Namni nagaaafi f
ayyaa gaafa qabaatu jireenyaasaan gammadee hariiroo uumaasaa faana qabullee guddifata. Kanaafis garaa keenyaa eeggachuuniifi hubannaa ofii keenyaarratti hirkachuu dhiifnee karaa uumaan keenyaa irra nudeemsisurra adeemuun daran barbaachisaadha.

Dhalli namaa mi’a gati jabeessa qananii Waaqaa keessatti uumamedha.

Gaddaafi gammachuu keessatti uumaa ofii yaadachuun dirqama namummaa nuti qabnu ta’us, kan miiraa caberra; kan miirrisaa gammadetu toora jireenyaa walqixxeeffata.

by Beekan Guluma

READ  BILISUMMAAN DHUGOOMAA!