MOOTUMMAA DHIIGAAN JIRAATU!#OromoProtests

Beekan Irranaa
Follow me

Beekan Irranaa

Beekan is writer, editor, researcher and Instructor at Harvard University
Authors ofmore than 30 Afaan Oromoo books & editor of many books, magazines and articles. Currently, he writes on his site (beekanguluma.org) and gibetube.com on current issues of Oromo people, culture, education and politics.
Beekan Irranaa
Follow me

Latest posts by Beekan Irranaa (see all)

MOOTUMMAA DHIIGAAN JIRAATU!

   #OromoProtests

Akkuma beekamu addunyaa kana irra mootummoonni abbaa irree dhiiga saba isaanii boorrachaa aangoo irratti umurii dheereffatu. Kallattii fi al-kallattiin gochaa suukanneessaa ummata isaanii irratti raawwachuun buddeen isaanii fi kan qomoo isaanii furdifatanii jiraatu. Dhiigni iyyeessotaa fi daa’immanii karaa gubbaa lola’u isaanitti hin qilleensa’u. Bineensi lagaa mirgi isaa eegamee jiraata, kan dhala namaa garuu isaan biratti gatii tokko illee hin qabu.

Gara Afirikaatti yoon isin deebises, cilaancilleettiin dimokiraasii kan jirtu biyyoota lakkoofsaan tokko lama hin caalleedha. Irraa caalaan isaanii afaaniin dimokiraasii odeessaa keessaan immoo saree yeeyyii Hoolota keessa ooltuudha. Dubbiin arraba isaanii irraa ba’u akkuma dammaa minyaa’a, garuu kan isaan guyyaa guyyaatti raawwatan immoo dheebicha caalaa hadhaa’a. Akka yaada isaaniitti waan isaan godhanii umurii ittiin dheereffatan waan namni hin beekne itti fakkaata. Mucaadhumti garaa haadhaa keessa jirtu iyyuu waan bartee baatu natti fakkaata. Sababnisaa dhiibbaa ulfaataan yookaan jirmi jiidhaan haadha irra tures mucaa garaa keessatti mujucheera. Mootummoota Afirikaa kana guutumaa guutuutti dhaloonni si’anaa kun waan ajeeffate (xireeffate) natti fakkaata. Biyyoota hedduu keessatti dhaloonni taa’ee du’a abjoota. Hojii isaanii waan beekaniif isaanillee dhaloota barnoota ammayyaa kana muuxatan hin jaallatan. Sababa kanaan kan ka’e guyyaa guyyaatti ol adeemaa meeqatu daandii irratti lubbuu isaa dhabaa oola. Hayyooti Afirikaa miliyoonatti lakkaa’amanis dirree irraatti bu’aa buusan irraa ugguramanii mana hidhaatti dararamaa jiru.

Mootummaan Itiyoophiyaa kanneen Afrikaa keessatti dhiiga dhala namaa dhangalaasanii jiraatan keeessaa isa tokkoodha. Mootummaan kun bara as aangootti dhufeee eegalee dhiigni saba biyyattii irbaatuma ta’eef. Kanumaafis mootummaa dhiigaan jiraatu jedhame. Taateewwan isaan guyyaa guyyaan godhanis sababa isaan miidiyaa ukkaamsanii jiraniif hanga yeroo dhiyootti dhokataa tureera.

Namni biyya Itiyoophiyaa keessa jiraatu dungoo Gaanii (Hokkotee guddaa) keessa jiru natti fakkaata. Dukkana limixii keessatti aguugamee kan jiru waliin wal hin caalu. Mootummichis hundee isaa jabeeffachuuf jedhee waan hundaa harka isaa jala galfate. Galati kan teekinooloojii jabaanaa kanaaf haa ta’u kan yeroo dhihoo asitti dhoksaa mootummaa nama nyaataa kanaa gadi baase. Akka yaadaa fi karoora isaaniitti sabni Itiyoophiyaa dukkanuma keessatti waan hafu ture. Galmeen gaafa galagalu kan sabaa irraa oolee kan mootummaa wayyaanee jala oolee argame. Addunyaanis kan isaan afaaniin odeessanii fi kan dhugaan dubbatu gaafa argan faallaa itti ta’e. Mootummaan wayyaanee sobduu fi hattuun kun mootummoota addunyaa hedduu biratti illee mootummaa sanyii dhala namaa lafa irraa daguugdu taatee argamte.

Biyyattii keessatti mirgi dhala namaa naannolee hundaa keessatti humnaa ol sarbamee jira jechuu ni dandeenya. Garuu bara mootummaa Wayyaanee kanatti ummata Tigraayi irratti rakkooleen kun raawwachaa jirumoo hin jiran kan jedhuuf gaaffii nama hundaati jedheen amana. Mootummaan hamaadha jedhamu kun bakka keessaa dhalatee dhufe keessatti isa Oromiyaa fi naannolee biraa keessatti gochaa jiru godheera kan jedhu ani dhaga’ees argees hin beeku. Yeroon akkas jedhu maaliif ummata Tigraayi irratti ajjeechaa hin geessisne jechuukoo miti. Xiyyeeffannaan mootummichaa irra caalaatti eessa akka ta’e gurra isin buusuuf jedheeni.

img_2858.jpg

Bara dhufaatii mootummichaatii jalqabee ilmaanni Oromoo harka mootummaa kanaatti ajjeefaman kumaatamatti lakkaa’amu. Kun immoo soba kan hin taane ragaalee hedduun guyyaa guyyaatti nu amansiisaa jiru. Nuti kan dhageenyee fi kan ijaan argaa oollu qofaa odeessina malee hedduun garuu eessa buuteen isaanii hin beekamu. Godaannisi keenyas akka dubbatu lubbuu hedduu mana hidhaa keessatti dhabneerra. Gootonni Oromoo hedduun mana isaanii keessaa ukkaamfanii osoo gara manaatti deebi’anii nagaa hin dhaamin hafaniiru. Dararaa suukanneessaa mootummaan kun ilmaan Oromoo mana hidhaatti irratti raawwachaa jirtus hedduu kan nama gaddisiisuudha.

Bara 2014 irraa eegaltee mootummaan wayyaanee waanuma qaanii itti ta’u eegaltee jirti. Barattootaa fi ummata Oromoo karaa nagaa harka qullaa daandiitti ba’anii mormii isaanii dhageessisan daandii irratti hambisaa jirti. Barataan dabtaraa fi kobbee isaa fudhatee ba’ee karaa irratti borafatee hafaa jira. Barsiisaanis barattoota isaa duratti rasaasaan rukutamee ajjeefamaa jira. Bakka abbaan manaa mana hin jirrettis haati manaa mirgishee sarbamee ajjefamaa jirti. Shamarran keenyaa bakkeewwan garaagaraatti yeroo itti gudeedamaa jiraniidha. Maanguddooti keenya dhumaatii ijoollee irratti quuqqaa isaanii dhageessisanis kallattiin afaan rasaasaatiin galafatamaa jiru. Kan waaqnis dhalli namaas ijaan argaa jiru dubartii ulfaa rasaasaan rukutanii yeroo itti ajjeesaa jiraniidha. Reeffi ilmaan keenyaa akka reeffa bineensaa bowwaa keessatti gatamaa jira. Kana hundaa kan rawwatan immoo saroota mootummaa wayyaanee Poolisii Agaazii fi federaalaati. Akkasumas, poolisii naannoo kanneen dhimmi lammummaa keessa isaaniitti hin biqilleeni. Isaan kun warroota garaaf jiraataniidha. Kan dagatamuu hin qabne poolisoota naannolee keessa sabboontota dararaan saba isaanii aarsee diina galaafatanii wareegaman baay’ees qabna.

Tarkaanfii ajjeechaa mootummaan wayyaanee dhiigaan jiraatu kun kan walakkeessa sadaasa 2015 eegales daran cimee itti fufee jira. Kan ragaalee hedduun dubbatan lubbuu ilmaan Oromoo 400 ol galaafatee jira. Kumaatama immoo mana hidhaatti dararaa jira. Lakkoofsi isaanii illee tilmaamuun kan nama rakkisu achi buuteen isaanii hin beekamu. Hanga guyyaa har’aatti illee lakkoofsi hidhamtootaa hedduu dabalaa jira. Akkan kaayyoo ummata Oromoo tibbanaa tilmaamutti hidhaa fi ajjeechaan waan booda isaan deebisu miti. Sabni afaan qawwee dura dhaabbatee mootummaa kana ajeeffatu hidhaa hin sodaatu. Ummati keenya yoo callises of tuulummaan wayyaanee baraan waan irraa galu miti. Kanaaf sabni keenya jumilaan hidhamee, jumilaanis ajjeefamee mootummattii kana addaan lafatti rukutuu filate.

Mootummaa dhiiga malee jiraachuu didde kana maal gochuu qabna:

1. Sabni Oromoo daran tokkummaa isaa cimsee tarsiimoo ishee fashaleessuu

2. Dhoksaa mootummichaa fi miidhaa inni geeggeessaa jiru kana ciminaan saaxiluudha

3. Qeerroowwan keenya FDG kana geeggeessaa jiran jabaatanii qabsoo walitti fufiinsaa gochuudha

4. Fincila geggeessuun dura lafee wiirtuu wayyaanee sirriitti beekuudha

5. Qeerroowwan keenya lukaalee wayyaanee keessaa sabboontota adda baafachuudha

6. Haala danda’ameen manneetii waraanaa wayyaanee keessatti waldhabdeen akka uumamu gochuudha. Kanaaf achi keessatti sabboontota ijaaruu danda’uudha.

7. Barattootni keenya yeroo boqonnaaf gara maatiitti deebi’an ummata keessa faca’uun bifa ogummaa qabuun ummata keenya waan jiru hundaa hubachiisuudha

8. Akkasumas daa’imman ol adeema jiraniif dhimma qabsoo kana ilaalchisanii barumsa ga’aa kennuufiidha.

9. Maanguddootiin keenya immoo dargaggoota keenya sirriitti gorsuudha. Ijoolleetti karaa agarsiisuun waan baay’eef isaan fayyada.

10. Akkuma ta’aa jirummoo tarkaanfiin qabeenya wayyaanee barbadeessuu irratti xiyyeeffate jabaatee itti fufuu qaba.

Ani wantootuma sammuukootti dhufanin tarreessuu yaale. Hayyoonni keenyas waan saba keenyaan ga’uu qabnu yeroon biraan ga’uu qabna. Waanti nuti akka qoosaatti barreessinu qabsoo kana keessatti bu’aa hedduu buusuu danda’a. Dabalees wayyaanotaaf mataa dhukkubbii ta’a.

Gabaabumatti, kaayyoon keenya mootummaa dhiiga gootota keenyaa lolaasaa jiru kana ulfina isaa irraa mulqinee lafatti rukutuudha.

Mootummaa abbaa irree kana burkuteessinee gumaa gootota keenyaa baasnee bilisummaa gonfachuudha. Abjuu du’aa fi gabrummaa ofirraa calaasuu qabna. Mootummmaa wayyaanee kanas awwaallee FDG kanatti xumura gochuu qabna.

Sabboontota Oromoo kallattii garaagaraan FDG kana irratti ga’ee keessan ba’aa jirtaniif galanni keessan danuudha. Kanneen walaa-lammii taatanii jirtaniif immoo ammayyuu balballi banaadha. Kottaa nufaana lolaa gabrummaatti xumura goonaa!

Qabsoon itti fufa!

Injifannoon Saba Bal’aa Oromoof.

 

READ  Let's start campaigning to Nominate Prime Minister Abiy for Nobel Peace Prize!