Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad hayyu duree ABO obbo Daawud Ibsaa waliin Eertiraatti mari’tan. Obbo Daawud Ibsaa jila isaanii waliin muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad waliin Eertiraatti mari’achuu isaanii BBCn gabaasera.
Muummee ministiraa Dooktar Abiyyyii fi jilli ABO obbo Daawud Ibsaa dhimmota gurguddoo irratti mari’achuun, wal hubannoo gaariirra ga’uu isaanii dubbii himaan ABO obbo Toleeraa Adabaa BBC’tti himaniiru.
Waltajjichaan fuula duratti haala akkamiitin waliin hojjechuun danda’ama kan jedhu irratti mari’atameera. Gareen lameen jilasaanii qopheessuun biyya biraatti waliin mari’achuuf walii galaniiru. Mootummaan dhaabbilee siyaasaa biyya alaa jiraniif waamicha nageenyaa dhiyeessee, Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatin moggaasa shororkummaa ABO,ABBO fi Ginboot 7 kaasisuun isaa ni yaadatama.
Waamicha dhiyaates fudhachuun ADO fi ATWOn gara biyyaa yoo deebi’an, Ginboot 7 ammoo sochii hidhannaa dhaabuusaa beeksiseet ture.
Maddi; BBC
GibeTube Staff
Latest posts by GibeTube Staff (see all)
- Do you approve or disapprove of PM Dr. Abiy’s first year performance as PM? - March 28, 2019
- ABIY AHMED: A MAN OF DUAL PERSONALITY - November 12, 2018
- Cacabsaa | Oromo Comedy | Gibetube Entertainment - November 7, 2018