Qabsoo ummata Oromoo fi shoora barnoota ammayyaa (Kutaa Tokkoffaa)

Mootii Abbaltii
Finfinnee
Bitootessa 2016

 

Jeneraal Waaqoo Guutuu yoo “ Garbummaa hiddaan buqqisna ,yoo dides ilmaan itti guddisna!” jedhu akkuma itti dhufe dubbii afaan isaa keessaa ba’e miti. Waaqoon waggaa shantama dura “itti guddisna”yoo jedhu barnoota akka furmaataatti waan arge natti fakkaata. Jeneraala ta’uufis kan isa geessise beekumsaa fi dandeetti qabaachuu isaati. Shira abbootiin taayitaa yoggusii xaxan hubateera. Bultii keessa qabsoo ummatni Oromoo gochaa turetti makamuun furmaata fiduufis kan dhama’aa ture beekumsa argate sana dha jedheen yaada.
Qabsootti haa seenuyyuu malee birmadummaan waan waarii tokkotti gonfatamu akka hin taane ifeeraaf.

Ummatni Oromoo erga mirgi ganamaa harkaa fuudhamee kaasee hanga har’aa gaaffii wal fakkaataa labataa labatatti qaxxaamure gaafataa jira-Walabummaa,Walqixxummaa fi Haqa. Waaqoo Guutuus dhaloota qabsoo sana itti fufsiisuun finiinsan keessaa isa hangafaa ture. Dubbii isaa keessaa jechi “guddifna”jettu barruu gabaabduu armaan gaditti dubbisuuf jettan kana akkan katabu na kakaaseera.
[gibetube]

Jaarraa 21ffaa keessa ,bara saayinsii fi teeknoolojiin addunyaa akka qe’ee tokkootti ilaallu nu gargaaraa jiru kanatti odeeffannoon golee addunyaa tokkoo isa bira ga’uuf hamma libsuu ijaati. Namoonni afaan garaa garaa dubbatanis ilaalcha walitti dhiyaatu qabaachaa dhufaniiru.Mammaaksi “Ollaan akkam bultee beeka,akkatti bule abbaatu beeka!”jedhu gara “Ollaan akkam bultees,akkattin bules beeka !” jedhutti geeddarameera yoon jedhu arboomsuu natti hin ta’u. Kana hundaa kan fide ammoo namoonni waa baruuf dhama’uu beela sammuuti jedhanii hiikuun beekumsa fedhii bu’uuraa dhala namaatti ramaduu waan jalqabaniifi.
Beelli kun ummata Oromoo biratti waan haaraa miti. Akka baay’ina isaa fi bal’ina lafa isaan otoo beekumsa qabaatee silaa gulantaa ammaatti gadi bu’ee walabummaaf harka qomoo ykn namoota muraasaa hin ilaalu ture. Jaarraa tokko guutuuf carraa kana otoo hin argatiin eenyummaa fi afaan isaa kan biraan bakka bu’aa deemuun isaa dubbii humnaa qofa osoo hin taane malaas ture. Dubbatee fuula moototaatti hin dhageessifatu. Akka wallaalaa fi bitamaatti ilaalameera,hamma yeroo dhiyoottis of ilaalaas ture. Shoorri namootni baratan muraasni qomoo kana keessaa ba’an taphatan olaanaa ta’us mootummootni Itiyoophiyaa beekamtii kennuun kaanis akka baratan jajjabeessuurra xin-sammuu saba kanaa qummuunsuun wallaalummaan waan inni ittiin beekamu gochuuf dhama’aa turani. Gootummaa,duroomaa fi garraamummaa kana fagootti sodaachuun kiyyoon ittiin saba kana harka keessa itti galfatan amantaatti aansee carraa barnootaa dhowwachuu ture. Kunis ija isaaniif buuseera.qabsoon
Qabsoo kana fiixaan baasuun dharraa saba kanaa argamsiisuuf barnootni shoora maalii qabaata ? Qabxiilee tokko tokko kaasnee haa ilaallu.
Gama hawaasummaan fi xinsammuun
Hawaasni barate iji isaa banamaa dha. Aadaa fi afaan isaaf waardiyyaa cimaa dha. Hammam miidhagaa fakkaatus eenyummaa kaaniin liqimfamuurra kan isaa guddisaa adeemuu filata. Afaan isaa ittiin dubbatee walii galuuf hin qaanfatu. Ofitti amanamummaan isaa dubbii gowwootaan hin hunkutaa’u. Boquu ol qabatee deemuun maalummaasaaf beekamtiin akka kennamu hin eegu. Kun ammoo alagaa faayidaa qofaaf firoomuu barbaadu ittisuuf gimbii jabaa dha .
Gama dinagdeen
Sirna daldalaa qomoo ykn harka namoota dhuunfaa muraasa qofaaf oogu sana akkamitti mataan galagalchuun sirna lammiilee biyyattii qixxee hirmaachisu uumuu danda’amu keessatti qoodni nama baratee salphaa miti. Namootni sammuu daldalaa(entrepreneurs ) qaban yaadota carraa hojii uumuun hawaasichi fayyadamaa akka ta’u ni godhu . Darbees sabni carraa kanatti fayyadamu irree qabeenyaa isaa jabeeffachuun dhageettiin inni qabu ni dabala. Hammuma namni barate heddummaataa adeeme,sirni dinagdee hawaasa mara fayyadamaa godhu galii gitaa fi madaalawaa akka qabaatu gochuun namootni har’a nyaatanii buluurra darbanii fedhii dabalataa(want) duukaa bu’uu ni danda’u.
Gama siyaasaan
Namni ilaalcha isaa walabaan,dubbiis dhiigsee ibsachuun mirga ofiif dhaabbachuu kan danda’u gowwoomsaa siyaasaa keessaa yoo barnootaan of qaree baase qofaa dha. Harki fuudha mootummaa ejjennoo isaa isa hin jijjiirsisu. Akeeka mootummaan jal’aa qabate fagootti haleelee beekee ummata isaaf xiinxala siyaasaa beekumsa irratti hundaa’e kennee badiinsa jalaa oolchuuf humna qaba. Adeemsa sirna deemokiraasii ijaaruu keessatti sagalee kennee bulchitoota imaammataa fi tarsiimoo lammiileef ta’an,aantummaa ummataa qaban filachuuf isa dandeessisuurra darbee bulchitoota beekumsaan bilchaatanii lammiilee isaanii gulantaa aanutti ceesisan argachuuf barumsa caalaa maddi biraa hin jiru.

READ  Rakkoon Keenya Dhugumattuu Hanqina Bulchiinsa Gaariiti!!!

Walii galatti ,biyyi namoota baratan hedduu of keessaa qabdu karaa tokkos lamas kan badhaate dha. Akka fakkeenyaatti yoo kaasne Hindi waggaatti gara doolaara biliyoona 50 kan isheen sassaabdu lammiilee ishee baratanii hojiif biyya alaatti ergitu irraati.Qarshii kana gara biyya isaaniitti erguurra darbaniis beekumsaa fi muuxannoo biyyoottan keesssaa hojjetan keessaa kan argatan kana kallattiin gara biyya isaaniitti fiduun Hindi waggootan muraasa keessatti biyyoota dinagdee addunyaa raasan keessaa ishee tokko taate. 

Lammiilee ishee gara walakkaa biiliyoonaatti lakkaa’aman sarara hiyyummaa jalaa gara warra yoo xiqqaate guyyaatti sadii soorataniitti ceesiseera. Otoo namoota hin baratiin hin qabaanne ta’ee Hindi sagaleen ishee biyyoota addunyaa biratti hin dhaga’amu ture. Duulli isaan barnoota irratti godhan kun sadarkaa dinagdee isaanii jijjiiruurra taree siyaasa addunyaa keessatti shoora olaanaa akka taphattu taasiseera.
[gibetube]

Waggaa 10 ykn 15 yoo dheerates waggaa 20 ta’a malee waan amma dharraanu kana argachuun keenya hin hafu. Siyaasa biyya kanaa keessatti qooda fudhachuuf humna nama baratee keenyaa heddummeessuun dirqama;kanaa ala rakkoo nurra ga’uuf bara baraan dhagaa guuraa ,ajjeefamaa , lafaa fi dhaala dhabaa jiraachuun keenya itti fufa. Har’a yoo fiixaan ba’uu didus,sagaleen keenya hamma dhaga’amuu qabu hin dhaga’amiin hafus ijoollee keenya xixiqqaa itti guddisnee(barsiifnee) dhaloota bu’uura deemokiraasiitti amanu,walqixxummaaf dhaabbatu, jaalalaa fi tokkummaatti amanu uumuun salphaa dha. Dhiibbaa namni baratee mootummaa irratti uumuu danda’u ammoo ta’iin Oromiyaa keessatti gidduu darbee fi amma ta’aa jiru fakkeenya ga’aa dha! Haa barannu,haa barsiifannu ! Qawwaa xiqqoo argamte kana ittuu haa bal’ifannu !

READ  GUMAA DHIIGAA

Na ofkolchaa
Horaa Bulaa !