Sodaanis Ni Injifatama –

Siyaasni Wayyaanee kijibaafi ololaan guutamte har’arra geessee jirti.Adaduma ganni tokko dabree ganni biraa dhufuun waa’ee Midhaan nyaataan of danda’uu odeessun amala isaanii ture. Namichi Du’e sun ‘’ Wabii midhaan nyaataa keenna raggaasisuu irra dabree biyyoota alaatifis humna midhaan dhiheessuu ni dandeenya’’ jedhanii xinniquu isaanii dhageenyee turre. Kunoo akkuma argaa jirru, akkuma roobni dhaabateen waggaa tokkoofuu of dandahuuf midhaan of eeggannoof lafa kaayanne akka hin qabne ifatti mul’ateera. Biyya Afrikaa keessatti Qabeenya kuusaa bishaanitiin lammaffaa taate qabatanii yeroo hunda Kadhaa midhaanitiif adduunyaa dura dhaabachuun nama salfachiisuu qabaa ture. Garuu kadhaan itti baratee saalfatuu dhiisan.Qilleensarratti lafa daldaluu eegalanii akka mootummaatti waan godhuun irra ture irraanfatan.
Filannoon bara 2015nii irratti 100% filatamne jedhanii wayta adduunyaaf labsanitti Ummanni Oromoo %100 wayta irratti duulu, lakkoofsi sirnaan beekamuu baatus ummanni biraas kan yoo xinnaate %50 tahu wayta komii isaa haala garaagaraatin ibsatu Aangawoonni TPLF xiqqomallee hin qaanfanne. Ummata mirga isaa gaafatu duuba Masrii ( Gibxii) fi Ertiraatu jira jedhanii wayta dubbatan xinnomallee afaan isaan hin qabu. Siyaasa kijibaan guutamte keessatti inni kun kan barame tahuun ni mala. Garuu kijibni adiin akkanaa garuu salphina isa dhumaati.

Fincila ummataa kanaan booda egeree biyyattii sanaa tilmaamun baay’ee nama rakkisa. Waan hundarraa kan nama gaddisiisu ummanni biyyattii filannoo irraa amantii dhabuu isaati. Amantaa ummataa dhabame kana sirreessuun filannoo haqa qabeessa gaggeessuuf yeroofi humna gaafatuun isaa waan hin oolle. Maqaa filannoo jedhuun ummata kijibaa abdii kutachiisuu mannaa akka Atleet Haylee Gabrasillaasee ‘’ Ummata Itiyophiyaatif Dimokraasin hin barbaachisu’ jedhe sana jedhanii osoo ummataaf himanii irra wayyaa ture. Kanarraa ka’uunis ummannis yeroo ofii gubuu irraa of qusatee egeree ofii ofiin murteeffatuuf hiree isaaf kennaa ture.
Haala yeroo ammaa irraa hubatuun akka danda’amutti ‘’ Qabsoon Ummata Oromoo itti fufee jira’’ jechuurra ‘’ Qabsoon Ummata Etiyophiyaa itti fufee jira’’ sadarkaa jedhutti guddachaa jiraachun isaa ifatti mul’ataa jira. Fincila ummata Oromoorratti dabalatee Naanoo Amaaraa – Walqaayititti gaaffiin ummataa ‘’ Nuti Tigree Miti’’ jedhu akka itti fufetti jira. Yeroo dabre Gondar aanaa Daabaat keessatti finciltoonni Amaaraa daandii cufanii ooluun isaanii kan ifatti mul’ate ture. Gojjaam yeroodhaa gara yerootti dhippina lafaatin walqabatee komii qabu.Kaleessa barattoonni Yunivarsitii finfinnee ‘’ Nuti Shororkeessitoota Miti’’ jedhanii wayta gara Imbaasii Ameerikaa deeman tumaafii reebicha akkasumas hidhaatu isaan mudate.Naannoo kibbaa keessattii Saba Mursii; naannoo Hamariifi Sulula Oomootti ummataafi Poolisni walitti bu’uun isaanii dhagahameera.Poolisoonni ummata uffata sirnaan uffachuu hin eegalin haala akkam sukkaneessaa taheen akka morma isaanii walitti hidhanii deemanii turan miidiyaalee hawaasaa irratti daawwanneerra.Ka’umsi rakkoo sanas dhimmuma lafaati.

Naannoo Gaambeellaafi Beenishaangulittis fincilli wal fakkaataan gaggeeffamaa tureera. Jaarsonni saba Hadiyyaa walgahii gochuudhaan ummata Oromoof gartummaa agarsiisun isaanii oduu guddaa ture. Yeroo dhihoo asittis walii galteen ummatoota kibbaafi Oromiyaa jiddutti jabaachaa dhufuun haala siyaasa egeree biyyattii kan eeru jechuun ni danda’ama. Walitti dhiheenyi ummata Oromoofi Amaaraa wal qixxummaafi wal kabajuu irratti bu’uureffates eegalamuun isaa waanuma argaa jirru.Hariiron kuni osoo kana dura eegalamee turee cunqursaafi gadadoon ummatarra gahaa ture durumayyuu hangana turuuf humna hin qabaatu ture.
[gibetube]

Taaksileen Finfinnee guyyaaa tokkoof hojii dhaabuu gaggeessun isaanii mootummaa Wayyaaneef rifaatuu guddaa ture.Qabsoo Ummataa bal’aa as deemaa jiruuf mallattoo guddaadha.Isa shaakkalliitis ture.Bu’aan isaas ifaan ifatti mul’ateera.Wayyaanen haala hin barataminiin gaafii konkolaachistoota taaksitiif sa’aa 24 hin guunne keessatti deebii isaani deebisuun isaa fincilli ummataa Oromiyaa keessatti eegale akka naannolee birootti hin babal’anne sodaa qaburraa ka’uudhaani.Daldaltoonni TPLF deeggaran Oromiyaafi Naannoo Kibbaatirraa harka ofii gabaabbeffachuu eegalaniiru.Qabeenyaafi maallaqa isaanii finfinneetti kuufachuu eegalaniru.Yeroo ammaa kanattis maallaqa qaban gara Sharafa Alaatti geeddarataa jiraachun isaanis dhagahamaa jira.Haalli kuni ammas itti fufeetuma jira.Alaamuddiinis fincila kanarratti irratti xiyyeefatamee qabeenyi isaa barbadaa’aa jira.Boorana keessatti Horsiisni horii inni hojjachaa fii Iluu Abbaa booraa keessatti qonni shaayii haala wal fakkaatun ummataan barbadaa’eera.

READ  Ayyaanni Kun, Ayyaana Dhumaa Isiniif Haa Ta’u!

Ummanni Tigraay rakkoon kuni dhalachuu akka danda’u durumaayyuu tilmaamee ture. Masfin Waldamaariyaam akka ibsanitti Samtonni TPLF manneen viillaa maqalee irratti ijaarataniif maqaa ‘’ Ganda Appaartaayidii’’ jedhee wayta itti moggasu sana, waan isin hojjachaa jirtan kana keessaa nuti ummanni Tigraay keessa hin jirru jechuu isaanii ifatti labsaa turuu isaanii ture. Ummatichi Dhiigarraa bilisa tahuu isaa labsaa ture.Tapha Afaan Amaaraa keessatti dur durii ajaaibaa yaadadhu tokkotu ture. Yeroo tokko Waraabessi tokko ilmaan isaatin walii galee harree tokko kuffise ( gonbise). Ergasii ijoollee isaa dhooggatee adda ofii harree sana nyaate. Wayta lafti barii’uuf jettu abbaan harree sanaa Eboo qabatee dhufe. Wayta kana ijoollen isaa isa baqachuu eegalte. Ijoollee koo na gattanii hin deeminaa naa dirmadhaa jedhee itti waywaate. Ilmaan sunis Abbaa keenna, Akkuma nyaatten fiigi jedhanii deebisaniif jedhama.Makmaaksi kuni aangawoota TPLTif fakkeenya guddaa ta’a jedhee abdadha.Ummanni tigraay namoota maqaa isatin daldalan kanaaf jecha balaaleffatamuus abaaramuus hin qabu. Daandileen akkasumaas warshaalen Tigraayitti ijaaraman jedhamanii leellifamanis hagas mara kanjedhanamanii miti. Osoo dimookraasifi bulchiinsi gaarin jiraatee naannoo Itiyoophiyaa hundattuu sanaa ol gochuun dandahamee bareeda ture.
Sababa rakkoo beelaa biyyattii keessatti mul’ate sababeeffachuun lammiileen Ameerikaa hedduun gara Itiyoophiyaa deemun isaanii kaayyo biraa qabaachun isaanii ni shakkisiisa. Dhugaadha, mootummaan TPLF kuni yoo kan kufu ta’e Mootummaan Ameerikaa qorannoo gaggeessee filmaata biraa qopheeffachuu akka qabu sirritti beeka. Wayyaanenis jaarsota filattee qophessun Ameerikatti waywaataa akka jirtu waanuma dhiyeenya kana dhageenye. Aangawoonni TPLF wayta aangorra turanitti badiilee raawwatamaniif yoo kan hin gaafatamne ta’e, qabeenyi isaan horatan yoo kan hin tuqamne ta’efi bu’uura kanaan mootummaan ce’umsaa akka hundaa’u yoo kan walii galan ta’e TPLFf kuni waan gaaridha. Ameerikaanonni paartilee siyaasaa ( kan ala jiraaniifi biyya keessas jiran dabalatee) akkasumas namoota bebbeekamoo gama hundaan jiran maariisisuun mootummaa ce’umsaa tokko yoo kan hundeessitu ta’es Wayyaanef badii hammas maraa hin qabaatu. Guutumaan guututti fincila ummataatin dhiibamanii aangorraa gonbifamuu irra isaaniif irra gaaridha. Yoo karoora duraa lafa kaayamuu danda’an sanaan walii galan ofiifiis hattoota isaan waliin saamaa turanirratti xiiqii ummanni qabate hir’isuun balaa irra gahuu danda’u ni xiqqeessu. Waan hundaafuu dhimmoonni akkanaa hamma ummatatti ifa godhamanitti waanuma lafa jalaan hasaasamaa adeemanii dha.
Akkuma dura ibsame Koompiyuutaroonni mana maree federeshinii hatamuun isaanii kallattii ofduraa kan akeekudha. Kompiyutaroota kanneen kan saaman mamii tokko malee ilmaan Getaachoo Asaffaati ( Itti gaafatamaa Nageenya biyyattii) malee eenyuyyuu ta’uu hin danda’u. Hattuun kara deemtun waajjira sana seentee hanna hammana gahu kana raawwachuu hin dandeessu. Wanti akkanaa kuni kana duras raawwatamee ture. Dhaabni ‘’ XIRET’’ jedhamu ( Qabeenyummaan isaa kan dhaaba Naannoo Amaara Bulchaa jiru BIADENi) kan malaamaltummadhaan shakkamu iccittiilee isaa eeguf jecha waajjira herregaa isaa ibidda itti qabsiisee gubee ture. Warqeen baankii biyyoolessaa Itiyophiyaatii hatameefi kan qabeenyummaan isaa kan Alaamudiin ta’es eessa buuten isaatifii maalirra akka gaye hamma ammaatti hin beekamne. Adeemsa kanaan duraa irraa akka hubatuun dandahamutti Waajjirri Nageenya biyyattii Ragaalee (sanada) karaa seera qabeessa ta’een argachuu hin dandeenye karaa hannaatin akka harka galfatu beekamaadha. Fakkeenyaaf wayta Kinfa G/Madihin gaggeessaa Nageenya biyyattii turetti Boorsaa Harkaa Profesar Asraat Waldayyas hattuudhaan buchisiisun isaa ni yaadatama. Reeffa Mallas Zeenaawii Jeneraal Saamooraa Yunus xayyaaraan Adawaa fidee erga awwaalchiseen booda Finfinneerratti Sanduqa duwwaa akka awwaalamu gochuun isaaniis wanta yeroo sanattii bal’inaan haasa’amaa ture. Dhugumatti inni kun kan nama kofalchiisu malee kan nama gaddisiisus miti. Finfinneedhaaf mul’ata Mallas malee reeffi isaa waanuma tokkoo isii hin fayyadu. Hanni kompitaricha mana maree federeeshinichaas isa kanaan kan wal fakkaatu ta’uun isaa hamiin garasii dhagahamaa jirtu ni addeessiti.
Waajjira nageenyaatti aansee Sanadootni (ragaalen) Wayyaanen dhoksuuf barbaadu kan argaman kompiyutaroota mana maree federeeshinaa obboo Kaasaa T/Birihaniin hogganaman keessa.

Dhimmootni akka Ramaddii Baajataa baay’ina ummataa irratti hundaa’e, Daangaa Naannolee jidduu, Komiilee sabaaf sablamoota adda addaa, Dhimmoota namoota buqqa’aniifii murteewwan kennaman hundi kan jiran waajjira kana keessa. Aangawoonni Wayyaanee kufaatin akka irraa hin oolle yoo beekan ragaalee balleessuu qaban keessaa inni kun isa tokko. Dhugumatti kana raawwataniiru yoo ta’e mala gaarii malataniiru jechuun ni danda’ama.

READ  Kabajaafi Kofoo Abbaatu Ofirratti Eeggata!

 

[gibetube]

Walumaa galatti qabsoo xumura gabrummaa ji’oota afran dabraniif gaggeeffame irraa hubachuun akka danda’ametti Qeerron Du’a tuffateera. Riqicha Sodaa gootummaan ce’eera.Balbala Callisaa cabseera.Taphni siyaasaa haalaan galeefii jira.Baay’inniifi jabinni isaanii ajaa’ibsiisaa ta’ee jira.Akka Filmii ‘’Dances with Wolves’’ jedhamu keessatti arginetti dhufiinsi Qeerroo akka Urjiiti.Calaqqisa Urjiitin samii gurraacha ifa uffisanii jiru.Callaqisa ifu kanas dhaamsuf tasumayyuu hin danda’amu. Walumaa galatti, dhufaatin Qeerroo kuni akka midhaan bade jedhanii osoo eegan margee laaliseetin wal fakkaata. Gama biraatin, Laga gibee cinaa Naacha riphe tokkotu ture.Naachin kuni hanga kuruphee bishaan dhuguuf dhufte qacam godhee liqimsutti waan nabseen jiru hin fakkaatu ture.Fincilli Oromiyaas isa kanaan wal fakkaata.Ummanni Oromoo galmaafii kaayoo isaa isa guddaatti saffisaan tarkaanfachaa jira.Jabina akka gaalaatiin qabsoo ufduratti dhiibaa jira. Kana hubachuuf immoo hayyuu siyaasaa yookin Oromoo tahuun nama hin barbaachisu.

Dhumarrattis barreeffama as dhihoo kana Proofesar Masaay Kabbada mata duree “Ethiopia at the Eleventh Hour of Peaceful Change” jedhu jalatti barreessaniin haa xumuru.

‘’ Aangawoota Wayyaane waan haaraa uumame kana hubachuu dadhabanii oliif gadi raata’aniif waan tokko isaan yaadachiisu barbaada.Ummanni Oromoo dhumarratti Sodaa injifateera.Seenaa garagaraa irraa akka hubannutti immoo Ummata Sodaa injifate dhaabun hin danda’amu. Rakkoo akkanaa kana yeroo muraasaf dhaabun danda’amun ni mala , garuu guutumaan guututti awwaalun tasumayyuu hin danda’amu.’’