The Message Behind Haacaaluu Hundeessaa’s “Malaan Jiraa” New Record Breaking Song

Follow me

Gemeda Olana

Communication & Knowledge Management Officer at Ethiopia Climate Innovation Center
Gemeda is Freelancer Journalist, Communication Professional, Activist of Oromoo Culture and Art and writer for gibetube.com on Oromo Culture and Arts.
Gemeda Olana
Follow me

Anaaf Galaaneen Finfinneedha Gammadaa Olaanaatiin Walleen akeektuu seenaa taate wallisaa jaallatamaaHaacaaluu Hundeessaa “Malaan Jiraa” jedhe hojjete kiliipiin dabaale ummataaf dhiyeesse jira. Wallee kana keessatti jechoonni ‘Laal galootoo’, ‘Galanee tiyyaa’ jedhanii galanee faarsan dhimma Finfinnee keesumaa ammo karoora maaster pilaanii magaalaa Finfinnee waliin wal qabata jedheen amana. Kilipiin wallee kanaas aadaa ummata nannawaa Finfinnee jiraatanii ifaati kan mul’isuuufi kiliipii makaa hin qabne ykn xaa’oo faranjii fi habashaa hin qabne (organic) jedhu namootni bayyeen sababiin isaa haala uffata aadaa, haala shubbisaa fi jiruufi jireenya ummaticha haalan kan mul’isuudha kanaafis direekteeri kilipiichaa Amansiisaa Ifaas galata dacha qaba.

Waliisaan kun Kaaseta lama guutuu gabaarra kan olchee yoo ta’uu kaaseta isaa jalqabaan “Sanyii Mootii” jedhu23u keessatti sirboota aadaa, dudhaa, afaaniifi seenaa Oromoo callaqisiisan hedduu nama dalagee jaalala fi beekamtii olaanaa ummata irraa horateedha.Hacaaluun dargeessa Oromoo aartii Oromoo bakka tureerra fuudhe gama sadarkaa addunyaan irra geeserra dhaqabsisuuf hojjechaa jiruudha. Akkuma beekamuu wallisaan kun sirboota aadaa Oromoo irratti xiyyeefatee waan hojjetuuf sirboota aadaa inni dalagu hundumtu sadarkaa isaanii kan eegateefi jiruufi jireenya hawaasichaa ifaati kan mul’isuudha. Hacaaluun kaseeta isaa lammafaa “Waa’ee keenya” jedhu keessattiis walleelee gurratti mi’awanii fi aadaa Oromoo daran calaqisiisan qabatee dhiyaateera. Wallee kannen keessa “Oromiyaa maaltu gad dhiisa” walleen jedhu mirga Oromoon abbaa biyyumaa isaa irratti qabu ifaati kan mul’iseedha. 7Kana malees walleen kun waan jireenya ummata Oromoo irratti fulduraatti dhufuufi akka carraas diddaan gabrummaa kun bakka inni jalqabu nannoo Amboo ta’uu illee eeruun isaa mormii baratootta Oromoo dhimma maaster pilaanii Finfinnee waliin wal qabatee uumameen dhugaati kan mul’ateedha.

Akkuma beekamu bara 2014 mootummaan barattoota Oromoo mormii maaster pilaanii Finfinnee waliin walqabatee ka’een guutummaa Oromiyaa keessatti mormiin bal’aan ka’uus kan magaala Amboo addatti cimee kan olba’ee fi baratootni hedduun kan du’an, gariin ammo hidhaafi dararaan guddaan irra ga’uu isaa dhugaa namni hunduu beekudha. Hacaaluun wallee isaa kana keessatti ‘Amboo keessaa loolaa qaata Shagar ga’e mataanii” jedhuus diddaa yeroo sana deema ture dursee kan akeeke fi waan ummata keenya irratti fulduraaf ta’uuf deemu sirritti agarsiiseedha.
[gibetube]
Walleelen isaa kanneen akka ‘Kan sii dinquu’, ‘Mixiin Walqabatee laga ceeti’, ‘Anaan anaan’ jedhaniis dhimmoota hawaasummaa, bilisummaa fi rakkoolee godaansa Oromoo irratti mul’atan lafa kaa’a. 6Keesummaa ammo walleen ‘Anaan anaan’ jedhu dhiyeenya kana lammilee keenya biyyoota adda addaa keessatti dararaan, dutii fi akka bineensaa qalamuun irraa ga’aa tureef dursee kan akeeke ta’uun isaa ifagaleessa. “Maalan Jira” jechi kun ammoo wallee haarawaa torbaan darbee keessa wallisaa Hacaaluu argaa dhageetti ummataaf baaseedha. Ani gama kootiin walleen kun mootii sirboota Afaan Oromoo hundaaf ta’uu danda’u jedheen amana akkasumaas Hacaaluun dargaggeessa Oromoo ijaa fi gurraa Oromoo ta’e waan ta’uuf deemu ummaticha hubachiisuuf ka’e fi goota bara keenyaatiin jedha. Dhimmi guddan wallee kana mootii taasiisu waan hedduudha isaan keessaa, qabiyyee isaa, originaalummaan suursagalee isaa fi ergaa guddaan achi keessatti mul’atu dinqiidha. Xinxaaliin koo wallee haarawaa kun ‘Maalan jira’ jedhu waan hubannoo gaafatu natti fakkata sababiin isaa namooni gariin waanuma intala ‘Galanee’ jedhamtu qofaaf sirbame se’a malee dhimmi biroo itti hin mul’atu, kaan ammoo kiliipiin isaa bayyee nama gammachiisa jedhe duddubata. Mee ammamoo ilaalcha xinxaalii koon isiinif himuun barbaada kuniis mirga kooti Hacaaluun keessaa hin qabu.5Anaaf Galaneen Finfinnee fi nannawaa isheeti akkuma beekamu seenaa Oromoo keessatti Finfinneen handhuura Oromiyaa akka taatee fi jarraa tokko dura sirna bulguu mootummaa minilikiin erga cabee booda aadaa, afaan, seenaa, dudhaafi amantaa ummatni kun adeemsisaa ture hundi hafee har’a sadarkaa argaa jiru irra ga’ee jira. Finfinnee halagoomtee, Finfinnee ilmaan ishee dhibdee ormaaf haadha taate, Finfinnee, afaan ishee gatee afaan ormaan laaqamte, Finfinnee maqaa ofii dagatee maqaa diinaa firoomfate akkasumaas nannoo isheelee dabarsitee harka alagaati kennuf cidha qopheesite taatee jirti. Ummata Oromoo handhuura Oromiyaa keessa jiran keessa gosti Maccaa fi Tuulamaa isaan tokko akkasumaas gosoota Tuulamaa keessaa ammo gosti, Abichuu, Galaan, Yaayyaa, Gulalee, fi Bachoo fa’a isaan muraasa.4Yeroo Finfinneen cabuu eegalte irraa kaasee gosti Tuulama Yaayyaa, Gulalee fi Abichuu guutummaa guututi cabeera jechuun ni danda’ama. Wallee Hacaaluu kana keessatiis walaloon ‘Gulaleen kan Tufaa’, ‘Gaara Abbichuuti turii’, Galaan Finfinnee Marsee’ jedhuus gosa Oromoo Gulallee, Abichuu fi Galaan sana nu yaadachisuuf kan seene jedheen amana. Haaluma kanaan nutti Oromoon walirraa hin faagannuu jaaratu nu faageesse jechuunis habashoota ilmaan gabroomfataatu addan nu baase jehuudha. ‘Sooretti haadha soree’ toori jedhuus qabeenyaa Oromiyaa fi Finfinnee mul’isuuf kan seenedha akkasumaas amma garuu sun hundumtuu hafuu isaa agarsiisa. Yeroo ammaa kana duula lafa Oromoo saamuu fi buqqisuun wal qabatee Oromoon hedduun lafa isaa dhabee rakkina hanga kana jedhamee ibsuun hin danda’amne irra ga’aa jira. Ummatni hedduun lafa isaa irraa buqqa’ee bakka lafa qotatee nyaatuufi horii isaa tikfatu dhabaa jiraachuun, hojii guyyaa hojjetee maatii isaa soorun beekamadha.3Yeroo amma kana haala bayyee nama gadisiisuun Oromoon hojii guyyaa sanayyuu dhabee ummatootni nannoo Kibbarraa dhufaan guutumatti Finfinneefi nannoo ishee weeraruun isaanii waan ajaa’ibati. Walaloo isaa keessatiis ‘Suluuta Loon hin Tiksuu darabatti galcheera’ keessatti Suluultaan magaalota nannawaa Finfinnetti argamaniifi lafti isaanii irraa fuudhame fi karoora qindawaa master pilaanii Finfinneefi nannawaa isheetis saamichi itti fufuuf karoorfame waan ta’eef sanuma akkeekuufi jedhen yaada.2Walaloodhuma kana keessatiis suuraan yeroo dabaalamuus loon guyyaadhan moonaa keessatti ittisamanii bakka marga dheedadan dhaban argina. “Maalan Jiraa” jechuun eegaa Oromoon lafti irraa fudhatamee harka duwwaatti hafee loon isaa illee lafa marga irraa dheechifatu dhabe jiraachuu isaa walumaa galatti ilaaluun ni danda’ama.1Dhimmi maaster pilaanii ammo calmaatti rakkoo ummata Oromoo waan jabeessuufi Oromummaa waan balleesuu akka ta’e namni hunduu hubachuu qaban dhaamsa kooti. Isaa hafee ammo namni hundumtuu xinxaalii ofii kennuu danda’a, Anaaf garuu Galaneen, Finfinnee, Oromiyaa, Oromoodha!! Hacaaluu Umurii dheeradhu!! Horaa Bulaa!

READ  Akka Dhiiga Boonnen Hin Hafnu...!

Gammadaa Olaanaatiin kan bareefame